Oduuwwan Ti’ookraasii
◼ Galmawwan Mootummaa kanaa gaditti caqasaman xumuramaniiru: Amaan, Sabbataa, Hoolotaa. Walumaa galatti lakkoofsi Galmawwan Mootummaa 112 ta’eera.
◼ Fulbaana 2007tti qajeelchitoonni 385 ta’an, Mana Barumsa Qajeelchitootaa bakka 16tti godhamerratti hirmaataniiru.
◼ Ji’a Fulbaanaatti lakkoofsi qajeelchitootaa yeroo jalqabaatiif 1,000 ol jechuunis 1,076 ta’uusa yommuu isin beeksisnu gammachuutu nutti dhaga’ama.
◼ Walga’ii koonyaa “Kiristos Duukaa Bu’aa” jedhuufi al 20 godhamerratti lakkoofsi namoota walga’icharratti argamanii inni guddaan 14,687 yommuu ta’u, namoonni 338 ta’an cuuphamaniiru.
◼ Ji’a kanaa jalqabee, Masaraan Eegumsaa afaan Oromoo akkuma barruu Amaariffaa halluudhaan maxxanfama. Maxxansi qayyabannaa Ingiliffaa wajjin walqixa ba’a. Kana malees, maxxansi sabaa ji’a sadiitti al tokko qophaa’a.
◼ Yeroo ammaatti lakkoofsi gumiiwwan Finfinnee keessa jiranii 56, Adaamaa sadii, yommuu ta’u, Arbaa Minci, Dirree Daawwaa, Jimmaafi Shaashamannee keessammoo gumiiwwan lama lamatu jira.