Yeroo Balaan Uumamaa Ga’uuf Of Qopheesitaniittuu?
1 Waggaa waggaadhaan obboloota keenya dabalatee addunyaarratti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman balaawwan hoongee, socho’a lafaa, sunaamii, dho’iinsa volkaanoo, hurikaans, hobomboleettiifi lolaadhaan qaqqabuun hubamu. Balaawwan uumamaa utuu hin beekamin kan dhufaniifi hunda keenyas miidhuu kan danda’an waan ta’eef, yeroo balaan kun ga’uuf dursanii qophaa’uun gaariidha.—Fak. 21:5.
2 Balaan Utuu Hin Ga’in Dura: Al tokko tokko abbootiin taayitaa mootummaa balaawwan uumamaa dhufuuf jiran ilaalchisee akeekkachiisa ni kennu. Akeekkachiisawwan kennaman kanaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. (Fak. 22:3) Haalawwan akkasii keessatti, jaarsoliin miseensonni gumii hundi qophii barbaachisaa ta’e akka godhan gargaaruuf yaalu. Erga balaan ga’ee boodas, miseensonni gumii hundi nagaa ta’uufi dhiisuusaanii, akkasumas gargaarsi kan isaan barbaachisu yoo ta’e beekuuf jaarsoliin carraaqqii gochuu qabu. Jaarsoliin ragaa barbaachisaa ta’e hin qaban taanaan yeroon itti gargaarsa kennuu danda’an baduu danda’a. Kanaaf, babal’istoonni teessoofi lakkoofsa bilbilaa bakka amma jiraatan barreessaafi ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaatti himuu qabu.
3 Gumichi naannoo balaan ga’e keessatti kan argamu yoo ta’e, jaarsoliin maqaafi lakkoofsa bilbilaa fira ykn hiriyaa babal’istootaa naannoo balaa kanaatiin ala jiran babal’istoota gaafatanii argachuu danda’u. Akkas gochuun jaarsoliin babal’istoota naannoo balaa sana gadhiisanii deeman argachuuf gargaara. Gumichi balaa ga’uuf maal gochuu akka qabu, babal’istoonni hundi jiraachuuf galmee maqaa qopheessuu, yeroo naannoo balaa sana itti gadhiisanii adeemaniifi gargaarsi addaa warra isaan barbaachisu ilaalchisee jaarsoliin karoora baasuu danda’u. Qophiiwwan jaalalarratti hundaa’an kana walta’iinsaan hojjechuun barbaachisaadha.—Ibr. 13:17.
4 Balaa Ga’e Booda: Balaan uumamaa yoo naannoo keerra ga’e maal gochuu qabda? Maatiikee wanta isaan barbaachisu maal akka ta’e addaan baafadhu. Dandeenyaan warra hubaatiin irra ga’e kaaniifis gargaarsa barbaachisu godhi. Akkuma naannoo balaa sana gadhiistee baateen, ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaakee ykn jaarsa garabiraa qunnamuuf yaali. Kana kan gootu balaa sana booda fayyaakee yoo taateefi gargaarsi si hin barbaachisu yoo ta’edha. Gargaarsa barbaadda taanaan, obboloonni gargaarsa barbaachisaa ta’e kamiiniyyuu sii gochuudhaaf akka carraaqan mirkanaa’aa ta’i. (1 Qor. 13:4, 7) Yihowaan haala ati keessa jirtu akka beeku yaadadhu, akkasumas si gargaaruu akka danda’u amanadhu. (Far. 37:39; 62:8) Carraa argatteen fayyadamuudhaan warra kaanitti waa’ee hafuuraafi wanta isaan jajjabeessu itti himuuf dammaqaa ta’i. (2 Qor. 1:3, 4) Hamma sii danda’ame sochiiwwan ti’ookraasiirratti hirmaachuukee itti fufi.—Mat. 6:33.
5 Hubaatii balaan uumamaa qaqqabsiisu biyya lafaa baay’ee kan dhiphisu ta’ullee, gara fuulduraatti wanta dhufu abdiidhaan eeggachuu dandeenya. Dhiheenyatti balaawwan hundi akka waan darbeetti yeroon itti ilaalamu ni dhufa. (Mul. 21:4) Ammasitti, yeroo rakkoowwan nu mudatan tarkaanfiiwwan sababa qabeessa ta’an fudhachuudhaan, hinaaffaa misiraachoo kana warra kaanitti himuudhaaf qabnu eeggannee haa jiraannu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Balaawwan dhufuu danda’aniif dursanii qophaa’uun gaarii kan ta’e maaliifi?
2. Teessoofi lakkoofsa bilbilaa bakka amma jiraannu jaarsoliitti himuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
3. Naannoo balaan mudachuu danda’u keessa jiraanna taanaan, jaarsolii wajjin walta’iinsa uumuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Balaan naannoo keenyarra hubaatii qaqqabsiiseera yoo ta’e maal gochuu qabna?
5. Kiristiyaanota amma taanetti balaan ga’u nuunis hubuu kan danda’u akkamitti?