LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 157
  • Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Balaawwan uumamaa adaba Waaqayyoo akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
  • Balaawwan uumamaa mallattoo guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisudhaa?
  • Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman kan gargaaru akkamitti?
  • Kitaabni Qulqulluun balaa uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruu dandaʼaa?
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Balaan Uumamaa Waaqayyo Gara Jabeessa Akka Taʼe Mirkaneessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 157
Maatiin tokko naannoo balaa uumamaatiin barbadaaʼe yommuu ilaalan

Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Waaqayyo balaawwan uumamaa yeroo harʼaatti gaʼan fiduu baatus, waaʼeen namoota balaawwan kanaan miidhamanii garuu isa yaaddessa. Balaawwan uumamaa wantoota rakkinaaf sababa taʼanii fi Mootummaan Waaqayyoo balleessu keessaa isa tokko dha. Hammasitti garuu, Waaqayyo namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman ni jajjabeessa.—2 Qorontos 1:3.

  • Balaawwan uumamaa adaba Waaqayyoo akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

  • Balaawwan uumamaa mallattoo guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisudhaa?

  • Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman kan gargaaru akkamitti?

  • Kitaabni Qulqulluun balaa uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruu dandaʼaa?

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman jajjabeessan

Balaawwan uumamaa adaba Waaqayyoo akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun akka argisiisutti karaan Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamu balaawwan uumamaa irraa adda dha.

  • Balaawwan uumamaa namoota utuu adda hin baasin ajjeesu akkasumas miidhu. Faallaa kanaatiin Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffametti Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamee tarkaanfii murtii kan fudhatu namoota filatee ti. Fakkeenyaaf, Waaqayyo magaalota durii Sodoomii fi Gomoraa yeroo balleessetti Loox isa nama gaarii turee fi ijoollee durbaa isaa lamaan oolcheera. (Uumama 19:29, 30) Waaqayyo garaa namoota yeroo sanatti turanii ilaaluudhaan namoota hamoo taʼan qofa balleesse.—Uumama 18:23-32; 1 Saamuʼel 16:7.

  • Yeroo baayʼee balaawwan uumamaa akeekkachiisa xinnoo kennanii ykn utuu hin kennin gaʼu. Gama biraatiin immoo Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamee namoota hamoo balleessuu isaa dura akeekkachiisa ni kenna. Namoonni akeekkachiisa kana hojii irra oolchan balaa sana irraa ooluuf carraa argatu.—Uumama 7:1-5; Maatewos 24:38, 39.

  • Namoonni balaawwan uumamaatiif hamma tokko gumaacha ni godhu. Akkamitti? Uumama irratti miidhaa geessisuudhaan, akkasumas naannoo kirkira lafaa, lolaa fi qilleensa cimaadhaaf nama saaxilutti mana ijaaruudhaan kana gochuu dandaʼu. (Mulʼata 11:18) Filannoo namoonni godhan akkasiitiif Waaqayyo hin komatamu.—Fakkeenya 19:3.

Balaawwan uumamaa mallattoo guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisudhaa?

Eeyyee, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ‘dhuma sirna kanaatti’ ykn “guyyoota dhumaatti” balaawwan uumamaa akka jiran dubbatu. (Maatewos 24:3; 2 Ximotewos 3:1) Fakkeenyaaf, Yesuus bara keenya ilaalchisee, “Hanqinni nyaataa, akkasumas bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa” jedheera. (Maatewos 24:7) Waaqayyo dhiheenyatti balaawwan uumamaa dabalatee wantoota dhiphinaa fi rakkinaaf sababa taʼan hunda lafa irraa ni balleessa.—Mulʼata 21:3, 4.

Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman kan gargaaru akkamitti?

  • Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee jajjabeessa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo akka nuuf yaaduu fi yommuu rakkannu gaddi akka itti dhagaʼamu nuuf mirkaneessa. (Isaayaas 63:9; 1 Pheexiros 5:6, 7) Kana malees yeroo balaawwan uumamaa hin jiraanne akka dhufu abdii kenna.—“Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman jajjabeessan” kan jedhu ilaali.

  • Waaqayyo waaqeffattoota isaatti fayyadamee namoota balaa uumamaatiin miidhaman gargaara. Waaqayyo fakkeenya Yesuus akka hordofan waaqeffattoota isaa lafa irra jiranitti fayyadama. Yesuus ‘warra garaan isaanii cabee’ fi “warra gaddan” akka jajjabeessu raajiidhaan dubbatameera. (Isaayaas 61:1, 2) Warri Waaqayyo waaqeffatanis akkuma isaa gochuuf carraaqu.—Yohaannis 13:15.

    Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhamaniif gargaarsa qabatamaa gochuufis waaqeffattoota isaatti ni fayyadama.—Hojii Ergamootaa 11:28-30; Galaatiyaa 6:10.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Porto Riikoo keessatti mana yommuu suphan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Porto Riikoo keessatti namoota balaa obomboleettiitiin miidhamaniif gargaarsa qabatamaa gochaa jiru.

Kitaabni Qulqulluun balaa uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruu dandaʼaa?

Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame balaawwan uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruuf taʼuu baatus, dhugaawwan buʼuuraa nu gargaaruu dandaʼan qabateera. Fakkeenyaaf:

  • Balaawwan gara fuulduraatti gaʼuu dandaʼaniif dursaa karoorfadhaa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Balaawwan akka tasaatiif dursanii karoorfachuun ogummaa dha. Karoorri kunis saanduqa yeroo balaan tasaa uumamu miʼa barbaachisaa itti qabannee baanu qopheessuu fi balaan yoo gaʼe eessatti akka wal argitan maatiidhaan taatanii shaakaluu dabalata.

  • Qabeenya caalaa jireenyaaf iddoo guddaa kennaa. Kitaabni Qulqulluun “Gara addunyaatti homaa fidnee hin dhufne; achi keessaas homaa fudhannee deemuu hin dandeenyu” jedha. (1 Ximotewos 6:7, 8) Balaa jalaa baʼuuf mana keenyaa fi qabeenya keenya dhiisnee deemuuf fedhii qabaachuu qabna. Jireenyi keenya wanta kam iyyuu caalaa iddoo guddaa kan qabu taʼuu isaa yaadachuu qabna.—Maatewos 6:25.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman jajjabeessan

Uumama 18:25: “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii ta’u in kenna mitii ree? . . . Isa qajeelaas isa jal’aa wajjin ajjeesuun si irraa haa fagaatu!”

Hiika isaa: Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwata; sababii balaawwan uumamaatiin namoonni gaarii taʼan yommuu duʼan inni hin komatamu.

Faarfannaa 46:1, 2: “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera. Kanaafis lafti yoo diddiiramte iyyuu, . . . nuyi hin sodaannu.”

Hiika isaa: Naannoo keenyatti wanti kam iyyuu yoo uumame Waaqayyo Madda jajjabinaa nuuf taʼuu dandaʼa.

Isaayaas 63:9: “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate.”

Hiika isaa: Waaqayyo miira keen ya waan nuuf hubatuuf yommuu rakkannu ni gadda.

Yohaannis 5:28, 29: “Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee [Yesuus] itti dhagaʼan ni dhufa.”

Hiika isaa: Waaqayyo Yesuus namoota duʼan kaasuu akka dandaʼu humna waan isaa kenneef namoota jaallannuu fi duʼaan dhabne deebisnee arguuf abdii qabaachuu dandeenya.

1 Pheexiros 5:6, 7: “Harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa; . . . inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”

Hiika isaa: Waaqayyo baayʼee nuuf yaada, akkasumas waaʼee wantoota nu dhiphisanii kadhannaadhaan akka isatti himannu barbaada.

Mulʼata 21:4: “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.

Hiika isaa: Waaqayyo balaawwan uumamaa dabalatee wantoota rakkinaaf sababa taʼan hunda ni balleessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi