Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni baayʼeen kadhannaa Yesus barsiiserraa yaada, ‘Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu’ jedhu irra deddeebiʼanii kadhatu. Mootummaan kun maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasni kun deebiisaa argachuuf nu gargaara.” Daaniʼel 2:44 dubbisiif. Achiis Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee 2011 kenniifiitii, yaada mataduree xiqqaa isa jalqabaa fuula 10rra jiru dubbisaa irratti mariʼadhaa. Barruulee kana akka fudhatu erga afeertee booda, guyyaa gaaffii itti aanu deebisuuf deebitee itti dhaqxu beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee
“Ijoollee xixinnoo waaʼee Waaqayyoo barsiisuu qabnamoo hamma guddatanii amantii mataasaanii filatanitti eeguu qabna jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun abbootiin maal akka godhan akka ajaju hubadhu. [Efesoon 6:4 dubbisiif.] Barruun kun, warri ijoolleesaanii waaʼee Waaqayyoo akkamitti barsiisuu akka dandaʼan yaada kenna.”
Dammaqaa! Muddee
Ximotewos Isa Lammaffaa 3:16 dubbisi. Achiis akkas jedhi: “Namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame kan amanan taʼus, namoonni kaan yaada kana hin fudhatan. Atoo maal sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Deebiin namoonni gaaffii kanaaf kennan addadda taʼuyyuu, akka macaafa kanaa macaafni balleessuuf carraaqqii guddaan irratti godhame hin jiru. Barruun kun, carraaqqii jaarraawwan hedduudhaaf Macaafa Qulqulluu balleessuufi akka hin dubbifamne gochuuf godhame tokko tokko caqasa. Kana malees badiisarraa akkamitti akka oole ibsa.”