Sagantaa Torban Muddee 12 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 12 JALQABU
Faarfannaa 43fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 1/1 ful. 31 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Isa. 6-10 (Daq.10)
Lakk. 1: Isa. 6:1-13 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Mootummaan Waaqayyoo Bulchiinsa Dhugaatii?—rs ful. 226, key. 3–ful. 227, key. 1 (Daq. 5)
Lakk. 3: Jaalalli Yoomiyyuu Kan Hin Badne Maaliifi?—1 Qor. 13:8; 1 Yoh. 4:8 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii 2012. Haasaa ilaaltuu mana barumsichaatiin dhihaatu. Sagantaa 2012f baʼerraa qabxiiwwan naannoo keessaniif taʼan ibsi. Gaʼee gargaaraa gorsa kennaan qabu ibsi. Kutaa isaaniif kenname akka dhiheessan, ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluurratti yaada akka kennaniifi yaadawwan kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarratti kennaman hojiirra oolchuuf carraaqii akka godhan hundasaanii jajjabeessi.
Daq. 15: “Yeroon Lallabuurraa Boqonnaa Itti Taanu Hin Jiru.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Yommuu keeyyata 2rrattti mariʼattan, babalʼisaa karaa alidilee taʼeen lallabuudhaan buʼa qabeessa taʼe tokkoof gaafannoo godhi. Akkamitti dursee akka qophaaʼu gaafadhu; akkasumas muuxannoo gaarii tokko akka dubbatu afeeri.
Faarfannaa 24fi Kadhannaa