AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Qophooftaniittuu?
Naannoo keessanitti balaan uumamaa tokko yoo gaʼe, tarkaanfii fudhachuuf qophooftaniittuu? Kirkirri lafaa, obomboleettii cimaan, balaa ibidda bosonaa fi lolaa cimaan miidhaa guddaa geessisuu dandaʼu. Kana malees, akkuma tasaa shororkeessitonni miidhaa geessisuu dandaʼu; jeequmsi ykn fincilli uummataa fi dhukkubni daddarbaan kaʼuu ni dandaʼa. (Lal 9:11) Naannoo jiraannutti balaawwan akkasii matumaa hin gaʼan jennee yaaduu hin qabnu.
Hundi keenya iyyuu balaawwan uumamaa gaʼuu isaanii dura qophii tokko tokko gochuu qabna. (Fak 22:3) Jaarmiyaan Yihowaa yeroo balaawwan uumamaa gaʼanitti hamma tokko gargaarsa ni godha; kana jechuun garuu balaawwan akkasiitiif qophaaʼuuf itti gaafatamummaa hin qabnu jechuu miti.—Gal 6:5, milj.
VIIDIYOO BALAAWWAN UUMAMAATIIF QOPHOOFTANIITTUU? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Balaawwan gaʼuu dandaʼaniif karaa hafuuraa qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?
Wantoota armaan gadii gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
• Balaan tokko uumamuu isaa dura, yommuu uumamuttii fi erga uumamee booda akka gaariitti jaarsolii wajjin wal qunnamuu
• Borsaa miʼoota yeroo balaan gaʼutti isin barbaachisan qabate tokko qopheeffachuu—g17.5 6
• Balaawwan gaʼuu dandaʼan tokko tokko irrattii fi wanta gochuu qabnu irratti mariʼachuu
Karaawwan sadan yommuu balaan gaʼutti warra kaan gargaaruu itti dandeenyu isaan kamfaʼi?