LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Caamsaa ful. 9
  • Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Jeequmsa Uummataa Dandamachuuf Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Rakkina Diinagdee Dandamachuuf Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yeroo Balaan Uumamaa Ga’uuf Of Qopheesitaniittuu?
    Tajaajila Mootummaa—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Caamsaa ful. 9
Maatiin tokko nyaata, bishaanii fi miʼoota yeroo balaan gaʼutti itti fayyadamuu dandaʼan tokko tokko qopheessaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa

Yommuu dhuma “guyyoota dhumaa” keessa jiraannu rakkinni caalaatti akka dabaluu ni eegna. (2Xi 3:1; Mat 24:8) Yommuu balaan uumamu, yeroo baayʼee sabni Yihowaa qajeelfama yeroo isaatiif taʼuu fi lubbuu baraaruu argatu. Yeroo sanatti oolu kan dandeenyu tarii qajeelfama nuuf kennameef ajajamnee yeroo harʼaatti karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa yoo qophoofne dha.—Luq. 16:10.

  • Karaa hafuuraa qophaaʼaa: Barsiifata gaarii taʼe qabaadhaa. Mala tajaajilaa garaa garaa baradhaa. Yeroo muraasaaf obboloota gumii keessan keessa jira irra yoo adda baatan hin sodaatinaa. (Isa 30:15) Matuma Yihowaa fi Yesuus irraa adda hin baatan.—od-AM 176 key. 15-17

  • Karaa qaamaa qophaaʼaa: Maatiiwwan hundi borsaa miʼoota yeroo balaatiif barbaachisan qabateen alatti, nyaata gaʼaa taʼe, bishaan qulqulluu, qorichaa fi wantoota kana fakkaatan qopheeffachuu qabu; tarii yeroo sanatti bakka tokkotti yeroo dheeraadhaaf turuun isaan barbaachisuu dandaʼa.—Fak 22:3; g17.5 4, 6

VIIDIYOO BALAAWWAN UUMAMAATIIF QOPHOOFTANIITTUU? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo ‘Balaawwan Uumamaatiif Qophooftaniittuu?’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessa Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jiru.

    Balaawwan uumamaatiif karaa hafuuraa qophaaʼuu kan dandeenyu akkamiitti?

  • Fakkii viidiyoo ‘Balaawwan Uumamaatiif Qophooftaniittuu?’ jedhamu irraa fudhatame. Fakkii borsaa miʼoota yeroo balaan gaʼutti barbaachisan qabate, odeeffannoo teessoo fi kaartaa yeroo balaan gaʼutti iddoo maatiin tokko itti walgaʼu argisiisu mulʼisu.

    Wantoota armaan gadii gochuu kan qabnu maaliifi?

    • Akka gaariitti jaarsolii wajjin wal qunnamuu

    • Borsaa miʼoota yeroo balaan gaʼutti nu barbaachisan qabate qopheeffachuu

    • Balaawwan gaʼuu dandaʼan maalfaa akka taʼanii fi wanta yeroo balaan sun gaʼu gochuu qabnu irratti mariʼachuu

  • Fakkii viidiyoo ‘Balaawwan Uumamaatiif Qophooftaniittuu?’ jedhamu irraa fudhatame. Fakkiiwwan garaa garaa: Karaawwan warra balaan irra gaʼe itti gargaaruu dandeenyu. 1. Obboleessa isaaniif kadhachaa jiru. 2. Obboloota yeroo balaan gaʼutti hojii gargaarsa hojjechaa jiran. 3. Obboleessa hojii addunyaa maraatiif buusii gochaa jiru.

    Karaawwan sadan yommuu balaan gaʼu warra kaan gargaaruu itti dandeenyu kamfaʼi?

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Qophaaʼoo taʼuu ilaalchisee weerara dhukkuba COVID-19 irraa barumsa akkamii argadheera?’

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi