LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Caamsaa ful. 5
  • Rakkina Diinagdee Dandamachuuf Qophooftaniittuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkina Diinagdee Dandamachuuf Qophooftaniittuu?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Jeequmsa Uummataa Dandamachuuf Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Caamsaa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Rakkina Diinagdee Dandamachuuf Qophooftaniittuu?

Haalli addunyaa, addunyaa maratti rakkinni diinagdee akka uumamu gochuun isaa nu hin rifaasisu. Maaliif? Sababiin isaas kan jiraannu xumura guyyoota dhumaa keessadha, akkasumas Kitaabni Qulqulluun abdii keenya “badhaadhina hin amansiisne” irra akka hin keenye nu akeekkachiisa. (1Xi 6:17; 2Xi 3:1) Rakkina diinagdeetiif qophaaʼuu ilaalchisee fakkeenya Yoshaafaax Mootichaa irraa maal baranna?

Saboonni diinaa yeroo isa doorsisanitti Yoshaafaax Yihowaatti amanameera. (2Se 20:9-12) Kana malees, sabicha dursee qopheessuuf magaalota cimsuu fi buufata loltootaa hundeessuudhaan tarkaanfii qabatamaa fudhateera. (2Se 17:1, 2, 12, 13) Nutis akkuma Yoshaafaax yommuu haalli rakkisaan nu mudatutti Yihowaatti amanamuu fi tarkaanfii qabatamaa fudhachuu dandeenya.

RAKKINA DIINGADEETIIF QOPHAAʼUUF MAAL GOCHUU DANDEENYA?

Karaa hafuuraa qophaaʼaa: Wanta qabdanitti gammaddanii jiraachuu baradhaa, akkasumas Yihowaan wanta guyyaa guyyaadhaan isin barbaachisu isinii kennuuf dandeettii akka qabu amantii qabdan cimsadhaa. (Mat 6:26; 1Xi 6:8) Wantoota isin barbaachisan argachuuf jecha matuma ejjennoo qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf qabdan akka hin laaffisne kutadhaa. (Rom 2:21) Tajaajilli elektiriikii ykn intarneetii yoo addaan cite nyaata hafuuraa kan argattan akkamitti akka taʼe yaadaa. Barreeffamoota muraasa isa maxxanfame harkatti qabaadhaa, akkasumas kan dandaʼamu yoo taʼe barreeffamoota bifa dijitaalaatiin qophaaʼan dursaa buufadhaa.

Wantoota barbaachisoo taʼan qopheeffadhaa: Rakkinni diinagdee uumamuu isaa dura liqii keessan hirʼisaa, akkasumas baasii hin barbaachisne irraa of eegaa. (Fak 22:7) Kan dandaʼamu yoo taʼe nyaataa fi miʼoota barbaachisoo gaʼaa kaaʼadhaa. Namoonni tokko tokko manatti kuduraa dhaabuu fi kunuunsuun maallaqa qusachuuf gaarii akka taʼe hubataniiru.

VIIDIYOO BALAADHAAF QOPHOOFTEETTAA? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Fakkii viidiyoo “Balaadhaaf Qophoofteettaa?” jedhamu irraa fudhatame. Fakkiiwwan xixinnoo Kitaaba Qulqulluu, boorsaa yeroo balaa fi moobaayilii, akkasumas namoota hojii ijaarsaa hojjetan agarsiisan.
  • Balaadhaaf qophaaʼuuf dhuunfaatti maal gochuu dandeenya?

Fakkii viidiyoo “Balaadhaaf Qophoofteettaa?” jedhamu irraa fudhatame. Obboloonni hojii ijaarsaa irratti hirmaachuu fi konkolaataa irraa miʼoota buusuudhaan hojii gargaarsaa irratti hirmaachaa jiru.
  • Warra kaan gargaaruuf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

GALMA

Waaqeffannaa maatii keessan irratti, Dammaqaa! Lakk. 1 2022 ilaalaa. Balaadhaaf qophaaʼuuf tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachuu dandeessan tokko tokko irratti mariʼadhaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi