LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/06 ful. 8
  • Dargaggoota Akka Ibsaa Ifanii Mul’atan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggoota Akka Ibsaa Ifanii Mul’atan
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Akka Ibsaa In Ibsitu”
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Yihowaadhaaf Ulfina Kennuuf “Ifni Keessan . . . haa Ifu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Ifni Keessan . . . Haa Ifu!”
    Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2006
km 1/06 ful. 8

Dargaggoota Akka Ibsaa Ifanii Mul’atan

1 Yesus bartootasaatiin “isin ifa biyya lafaati” jedhee ture. (Mat. 5:​14, 16) Akkuma magaalaan tabbarratti argamtu tokko ifni aduu yeroo itti ba’u calaqqiftu bartoonnisaas akkasuma ni mul’atu. Dargaggoonni Kiristiyaana dhugaa yeroo har’aa, amalasaanii gaariifi dhugaa ba’uudhaaf inaaffaa qabaniin ‘biyya lafaarratti akka ibsaatti’ mul’atu.​—Filp. 2:​15; Mil. 3:​18.

2 Mana Barumsaatti: Mana barumsaatti akkamitti dhugaa baata? Dargaggoonni tokko tokko kutaa keessatti matadureewwan kanneen akka, qorichawwan sammuu namaa hadoochan, barumsa jijjiirama tirannaafi ajjeechaa saba gosa tokkorratti raawwatamu​—jedhamanirratti maree gochuudhaaf carraa argataniiru. Obboleettiin tokko hojmanee mataduree shororkeessummaa jedhurratti ogbarruu gabaabaa akka barreessan wayita kennameefitti, carraa kanaan fayyadamtee abdiin dhala namaa Mootummaa Waaqayyoo akka ta’e dubbatteetti. Barsiistuunshee gabaasa yaada gaarii qabu kanatti baay’ee waan tuqamteef, maree itti fufu gochuudhaaf karaa baneera.

3 Karaan itti ifa argisiisuu danda’an garabiraanimmoo, amala gaarii argisiisuu akkasumas, akkaataa uffannaafi filannaa seera qabeessa ta’een of miidhagsuudha. (1 Qor. 4:9; 1 Xim. 2:9) Barattoonniifi barsiisonni haalaafi amalli keessan warra kaanirraa adda ta’uusaa yommuu argan, tarii isaan keessaa tokko tokko kanaan tuqamuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu isinii wajjin mari’achuudhaaf carraa argachuu danda’u. (1 Phe. 2:​12; 3:​1, 2) Nama Waaqayyoof ta’uu keenya argisiisuun salphaa ta’uu baatuyyuu Yihowaan carraaqqii gootaniif baay’isee isin eebbisa. (1 Phe. 3:​16, 17; 4:​14) Fedha misiraachoo kana dhaggeeffachuudhaaf qaban kakaasuuf, yeroo boqonnaatti barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dubbisuu ykn bakka warri kaan argan kaa’uudhaan akka dubbisan gochuu dandeenya.

4 Ifni mana barumsaa keessatti calaqqiftan amantii keessanitti akka jabaattaniifi Yihowaa tajaajiluu keessanitti akka gammaddan isin gargaara. (Er. 9:​24) Akkasumas eegumsa isiniif ta’a. Obboleettiin tokko akkas jette: “Faayidaan waa’ee amantiikoo dubbachuurraa argadhe keessaa inni guddaan, barattoonni gochawwan seera Macaafa Qulqulluutiin ala ta’e hojjechuuf akka ana hin kakaasne gochuusaati.”

5 Tajaajila Keenya Bal’ifachuu: Dargaggoonni karaa isaan ittiin ifasaanii mul’isuu danda’an keessaa inni kaan tajaajilasaanii bal’isuudha. Obboleessi tokko mana barumsaa sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda, bakka ergaa Mootummichaa labsuudhaaf namni barbaachisu dhaqe. Bakki inni dhaqe kun gumii xiqqoofi jaarsa gumii tokko qofa kan qabu ture. “Jireenya gammachiisaa ta’en jiraachaa jira” jedhee hiriyaasaatiif barreesse. “Tajaajilli hojii nama gammachiisudha! Namoonni wanta itti himnu dhaggeeffachuudhaaf fedhii waan qabaniif, tajaajilaaf manaa gara manaatti yeroo adeemnu tokko tokkoo manaatti gara daqiiqaa 20tiif mari’anna.” Itti dabalees: “Dargaggoonni hundi akkas gochuudhaan gammachuu ani argadhe akka argatan hawwii kooti. Wanta qabnu hundumaan Yihowaa tajaajiluu kan caale homtuu hin jiru.”

6 Dargaggoota biyya lafaa kana keessatti akka ibsaatti mul’atanitti akkam gammanna! (1 Tas. 2:​20) Yihowaa, garaa keessan guutuudhaan, jireenya, yaadaafi humna keessan guutuudhaan yoo tajaajiltan, firii ‘bara jireenya keessanitti dachaa dhibba, bara dhufuttis jireenya bara baraa argachuu’ ni dandeessu.​—Mar. 10:29, 30; 12:30.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni adda ta’anii mul’achuusaanii akkamitti ibsa? Jechi kunimmoo dargaggoota yeroo har’aatti argamanirratti kan hojjetu akkamitti?

2. Barsiistoota keetiifi ijoollee kutaakeetti barataniif lallabuuf karaawwan kamiin fayyadamuu dandeessa?

3. Mana barumsaa keessatti amala keessaniin akka ifaatti calaqqisuu kan dandeessan akkamitti?

4. Faayidaawwan mana barumsaatti dhugaa ba’uurraa argaman tokko tokko maalfa’i?

5. (a) Dargaggoonni tokko tokko tajaajilasaanii kan babal’ifatan akkamitti? (b) Galmi hafuuraa ati qabdu maalidha?

6. Dargaggoota gumii keessan keessa jiran akka dinqisiifattu kan si godhe maalidha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi