LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/06 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 2/06 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 27, 2006 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban, Amajjii 2 hanga Guraandhala 27, 2006⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.​—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ‘aarsaa galataa Waaqayyoof dhiheessuufi maqaa isaa beeksisuuf’ karaawwan kamiin nu gargaara? (Ibr. 13:15) [be ful. 5 key. 3 ful. 6 key. 1]

2. Akka gaariitti dubbisuuf carraaqqii cimaa gochuu kan qabnu maaliifi? [be ful. 83 key. 1 hanga ful. 84 key. 1]

3. Yeroo dubbannuufi barsiisnutti jechoota ifa godhanii dubbachuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 86 key. 1-6]

4. Jechoota sirriitti dubbisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuudhaaf haalawwan kamfaatu tilmaama keessa galuu qabu? [be ful. 89 key. 1 ful. 90 key. 2, saanduqa]

5. Yaadawwan akkaataa haasawaa keenya fooyyessuuf nu gargaaran tokko tokko maalfa’i? [be ful. 94 key. 4-5, saanduqa]

HAASAWAA LAK. 1

6. 2 Seenaa 36:17-​23 raajiiwwan Macaafa Qulqulluu dhugaa ta’uusaanii kan mirkaneessu akkamitti? [si ful. 4 key. 35]

7. Yihudoonni Dh.K.D. bara 537⁠tti gara biyyasaaniitti deebi’uudhaan mana qulqullummaa Yihowaa akka ijaaraniif haalawwan kamtu isaan gargaare? [si ful. 5 key. 1-3]

8. Macaafni Izraa Yihowaan Waaqa dhugaa ta’uusaa kan mul’isuufi isarratti amantaa akka qabaannu kan nu godhu akkamitti? [si ful. 6 fi 7 key. 14, 18]

9. ‘Artashaastaan mootichi mo’ee waggaa digdammaffaan’ lakkoofsa baraa Macaafa Qulqulluu keessatti barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (Nah. 2:1, 5, 6, 11, 17, 18) [si ful. 7 fi 8 key. 2, 5]

10. Nahimiyaan tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aatti jiraniif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? [si ful. 8 key. 16-​17]

DUBBISA M.Q

11. Israa’eloonni booj’uudhaa deebi’anii Uriimiifi Tumiim isa Yihowaarraa deebii argachuuf itti fayyadaman argachuu danda’anii turanii? (Izraa 2:​61-​63)

12. Yihudoonni hedduun Baabilon keessa turan Izraa duukaa Yerusaalemitti deebi’uudhaaf kan fedha dhaban maaliifi? (Izraa 7:⁠28–​8:​20)

13. Hojii ijaarsa dallicha harka tokkoon kan hojjechaa turan akkamitti? (Nah. 4:​17, 18)

14. Sanbalaax xalayaan iccitiidhaan korojoo cufame keessaa utuu jiruu ‘xalayaa hin cufamin’ kan Nahimiiyaatti erge maaliifi? (Nah. 6:5)

15. Nahimiyaan akkuma moototaafi gurguddootarratti godhee ture, Yihudoota cubbuu hojjetanirratti ‘dogoggora argachuudhaan’ alatti sirreeffama gochuuf tarkaanfii akkamii fudhateera? (Nah. 13:25, 28)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi