Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Guraandhala: Gara Yihowaatti Dhihaadhu; Bitootessa: Kitaabni haaraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kan raabsamu yeroo ta’u, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Ebla: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaatu! raabsama. Deddeebii gaaffii yeroo gootan Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu raabsaa.
◼ Jiini Eblaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Matadureen haasawaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2006tti dhihaatu, “Ammayyuu Dhimmawwan Biyya Lafaa Kan To’atu Waaqayyodhaa?” kan jedhu ta’a. Haasawaan sabaa addaa kun Dilbata, Ebla 30 dhihaata. Gumiiwwan torban sanatti daawwannaa ilaaltuu olaanaa, walga’ii addaa yookiin aanaa qaban haasawaa sabaa addaa kana torban itti aanutti dhiheessuu danda’u. Gumiin kamiyyuu haasawaa addaa kana Dilbata, Ebla 30, 2006, dura dhiheessuu hin danda’u.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa yookiin namni inni ramade, Bitootessa 1 yookiin utuu baay’ee isarraa hin fagaatin herrega gumii sakatta’uu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf baankii kaa’ame yoo jiraates akka sakatta’amu qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yeroo raawwatamutti, gabaasa herregaa itti aanuu wajjin gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Barreessaafi ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, sochii qajeelchitoota ilaaluu qabu. Isaan keessaa sa’aatii irraa barbaadamu guutuu kan dadhaban yoo jiraatan, jaarsoliin gargaarsa isaaniif gochuuf qophii gochuu qabu. Gargaarsa kennuuf xalayaawwan waggaa S-201 jedhaman ilaalaa.