Xalayaa Qaama Olaanaarraa
“WAAQAYYO abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!” Jechi kun xalayaawwan Phaawulos gumiiwwaniif nagaa erguuf yeroo baay’ee itti gargaaramu ture. Jechi kun hawwii nuti hunda keessaniif qabnu akka gaariitti kan ibsudha.—Efe. 1:2.
Qophii Yihowaan gaarummaadhaan karaa aarsaa furii Yesus Kiristosiin nuu qopheesseef guddaa isa galateeffanna! Karaa furii kanaa Waaqayyo duratti fudhatama arganneerra. Hangamillee Macaafa Qulqulluu yoo qayyabanne, misiraachicha yoo lallabne, ykn hojiiwwan gaarii garabiraa yoo raawwanne, gonkumaa carraaqqii mataa keenyaan kana argachuu hin dandeenyu. Dhiifamni cubbuufi jireenyi barabaraa carraaqqii goonuuf akka mindaatti kan nuu kaffalamu utuu hin ta’in, kennaa Yihowaan gaarummaasaatiin karaa Yesus Kiristos nuuf kennedha.—Rom. 11:6.
Phaawulos namoota hidhata amantaasaatiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina. Waaqayyo, ‘Yeroo ana biratti jaallatamee fudhatametti siif dhaga’eera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera’ jedha. Kunoo, yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma!” Jaarraa jalqabaatti ‘yeroon Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame’ jedhame, yeroo isa utuu Yerusaalem hin balleeffamin dura ture. Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi Yihowaa jaallatan karaa hafuuraa fayyina argataniiru. Kunimmoo yeroo booda namoota amanamoo Dh.K.B. bara 70tti, utuu badiisni Yerusaalemirra hin ga’in dura ishee keessaa baqatan hundaaf lubbuudhaan akka oolan gargaareera.—2 Qor. 6:1, 2.
Yeroo har’aattis kan jiraannu ‘yeroo Waaqayyo biratti fudhatamaa’ ta’eefi ‘guyyaa fayyinaa’ keessadha. Namoonni Yihowaan tajaajiltootasaa taasisee isaan simateefi karaa hafuuraa fayyina argatan, ‘guyyaa Waaqayyoo isa guddaa’ yeroo ammaatti dhihaaterraa lubbuudhaan ooluuf abdii qabu.—Sef. 1:14.
Guyyaan Yihowaa inni dhufu itti gaafatamummaa guddaa nutti fida. Namoota akka akeekkachiisnuufi namoota garaa qajeelaa qaban gaarummaa Yihowaarraa fayyadamuudhaan isaanis akka badiisarraa oolan gargaaruuf itti gaafatamummaa qabna. Phaawulos hojiin lallabaa kun itti gaafatamummaa guddaa ta’uusaa hubatee ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” Maaltu akka itti dhaga’amu akkas jechuudhaan ibseera: “Warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira; kanaaf ani . . . immoo wangeela lallabuudhaaf dhimmamaa dha.”—1 Qor. 9:16; Rom. 1:14, 15.
Yihowaan hojii barbaachisaa namoota akeekkachiisuu kanaaf yoo dantaa dhabne itti nu gaafata. Yihowaan Hisqi’el raajichaan maal akka jedhe qalbeeffachuu qabna: “Yaa mucaa namaa! Ani namoota Israa’eliif eegduu si godheera; ati dubbii afaan koottii dhaga’iitii ittiin of isaan eeggachiisi! Yommuu ani nama jal’aadhaan, ‘Ati dhugumaan in duuta’ jedhuun, ati immoo yoo isa of eeggachiisuu dhaabaatte, karaa isaa isa jal’aa irraas deebi’ee akka fayyuuf yoo itti himuu dhaabaatte, namni jal’aan sun yakka isaatiin in du’a; ani immoo dhiiga isaa harka kee keessa nan barbaada.”—His. 3:17, 18.
Guyyoonni gara dhumaa kun kan nama dhiphisanidha. Dhimmoota maatii, sochii hojii, sochii gumiifi hojii lallabaa karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuun salphaa miti. Kana malees baay’een keessan dhukkuba, dhiphina, dullumaafi mormii wajjin waldhaansoo wal qabdu. Garri caalaan keessanimmoo ‘ba’aa ulfaataa’ baattu. Waa’ee keessaniif wanta nutti dhaga’amu jecha Yesus: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” jechuudhaan dubbatee wajjin tokko ta’uusaa isiniif ibsuu barbaanna. (Mat. 11:28) Hundi keessaniyyuu rakkoo guddaanis ta’e rakkoo xinnoon isinirra ga’us, carraaqqii isin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf gootaniif garaa guutuudhaan isin galateeffanna.
Hinaaffaadhaan lallabuu keessaniifi sochii hojii lallabaarratti hirmaachuu keessaniin, akkasumas eebba Yihowaatiin addunyaa maratti giddu galeessaan torban torbaniin namoonni 4,762 ta’an cuuphamaniiru. Waggaa tajaajilaa darbetti gumiiwwan haaraan 1,375 ta’an hundaa’aniiru. Kitaabni haaraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu afaan 120 oliin qophaa’ee, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ‘guyyaa fayyinaa’ kanatti gaarummaa Yihowaafi nageenya isa biraa argamurraa faayidaa akka argatan akka isaan gargaaru abdii keenyaafi kadhannaa keenyadha.
Qaamni Olaanaan akka isin jaallatuufi akka Waaqayyoon isiniif kadhatu mirkanaa’oo ta’aa. Kadhannaa isin nuu gootaniifis guddaa isin galateeffanna.
Obboloota keessan,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa