LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/06 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 4/06 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 24 2006 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan Bitootessa 6 hanga Ebla 24, 2006⁠tti dhihaatanirratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yeroo barsiisnutti, jijjiirama yaadaa gochuuf jecha gidduutti dhaabachuu kan qabnu maaliifi? Garuu kana gochuuf kan nu dhorku maal ta’uu danda’a? [be ful. 98 key. 3-4]

2. Yeroo lallabnu gidduutti dhaabachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 99 key. 5–ful. 100 key. 3]

3. Yeroo haasawaan kennamutti jechoota ijoo ta’an jabeessuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Dandeettii kana horachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 101 key. 1-5, saanduqa]

4. Yeroo warra kaaniif dubbisnu, yaadawwan ijoo ta’an ibsuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 105 key. 1-6]

5. Yeroo barsiisnutti sagalee ga’aa fayyadamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Sagalee hammamii akka fayyadamnu murteessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 107-108]

HAASAWAA LAK. 1

6. Haalli Kiristiyaanota yeroo ammaa haala Asteeriifi Mordekaayii wajjin kan walfakkaatu akkamitti? Fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyuhoo akkamitti? [si p. 94 par. 17]

7. Solomoon “wanti kun hundinuu waa’ee hin baasu, akka nama qilleensa ari’uutis” yeroo jedhu maal ibsuusaa ture? (Lal. 2:11) [w04 10/15 ful. 4 key. 3-4]

8. Jaalala Waaqayyoof qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti? (Mar. 12:30) [w04 3/1 ful. 19-21]

9. Qabeenya hafuuraafi foonii gidduu garaagarummaa maaliitu jira? [w04 10/15 ful. 5-7]

10. Walga’iiwwan gurguddaarratti yaanni keenya utuu hin hiramin dhaggeeffachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? [be ful. 15-16]

DUBBISA M.Q.

11. Fuulli Haamaan kan haguugame maaliifi? (As. 7:8)

12. Qaama hafuuraa akkamiitu Eliifaazirratti dhiibbaa geessise? (Iyo. 4:15, 16) [w05 9/15 ful. 26 key. 2]

13. Jechoonni Iyoob 7:9, 10 fi Iyoob 10:21⁠rratti argaman, Iyoob abdii du’aa ka’uutti akka hin amanne kan argisiisanidhaa?

14. Iyoob “foon ilkaankootii wajjinin miliqe” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? (Iyo. 19:20 NW)

15. Iyoob “balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u” yeroo jedhetti maal jechuusaa ture? Kanarraahoo barumsa maalii arganna? (Iyo 27:5)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi