LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/06 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 8/06 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 28, 2006 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan Adoolessa 3 hanga Hagayya 28, 2006⁠tti dhihaatanirratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Namoota ilaalaa haasofsiisuun barsiistota gaarii ta’uuf kan nu gargaaru akkamitti? (Mat. 19:25, 26; HoE. 14:9, 10) [be ful. 124 key. 3–ful. 125 key. 3]

2. Akkaataa haasaa uumamaatiin dubbachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Tajaajilarratti kana gochuuf kan nu gargaaru maalidha? [be ful. 128 key. 1-5, saanduqa]

3. Waa’ee qulqullina uffannaafi qaama keenyaa yaaduun kan nu barbaachisu maaliifi? [be ful. 131 key. 1-3]

4. “Maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” jiraachuun uffannaafi filannaa keenyarratti dhibbaa geessisuu kan qabu akkamitti? (1 Xim. 2:9) [be ful. 131 key. 4–ful. 132 key. 1]

5. Haalli uffannaa keenya akka biyya lafaa jaallannu kan argisiisu akka hin taaneef, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu warra kamiin hojiirra oolchuu qabna? [be ful. 133 key. 2-3]

HAASAWAA LAK. 1

6. Bu’aa guddaan dubbisuurraa argamu maalidha? [be ful. 21 key. 3]

7. Namni tokko ogeessa ykn gowwaa ta’uusaa wanti mul’isu maalidha? (Fak. 14:2) [w04 11/15 ful. 26 key. 5]

8. ‘Namni hubataan beekumsa argachuun kan isa hin dhibne’ maaliifi? (Fak. 14:6) [w04 11/15 ful. 28 key. 3-4]

9. Qayyabannaa jechuun maal jechuudha? [be ful. 27 key. 3]

10. Wantoota Yihowaan uumerratti xiinxaluun faayidaa maalii nu argamsiisaa? [w04 11/15 ful. 8 key. 4]

DUBBISA M.Q.

11. Yihowaan bara duriitti, ‘dubartoota misiraachoo himanitti’ fayyadamee ‘dubbiisaa kan dhageessise’ akkamitti? Kun yeroo har’aatti kan raawwatamu akkamitti? (Far. 68:11)

12. Asaaf wanta qajeelaa ta’e gochuusaa akka dhaabu isa gochuuf kan ture maalidha? Ilaalchasaa kana kan sirreesse akkamittiree? (Far. 73:2, 3, 17)

13. Maannaan saba Israa’eliif kennamee ture “midhaan waaqa irraa” akkasumas ‘buddeena ergamootaa’ kan jedhame maaliifi? (Far. 78:24, 25)

14. ‘Golgaan isa hundumaa gararraa jiruu’ maalidha? Isa keessa ‘jiraachuu’ kan dandeenyuhoo akkamitti? (Far. 91:1, 2)

15. Duuni namoota Waaqayyoof amanamoo ta’anii isa duratti ulfaataa kan ta’e akkamitti? (Far. 116:15)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi