Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman, Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu. Onkoloolessa: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!; Fedhii yoo qabaatan birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhutti gargaaramaa; Sadaasa: Tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhu ykn tiraaktii garabiraa.
◼ Lakkoofsi barreeffamaafi barruulee waggaa waggaan godhamu, hanga danda’ametti Hagayya 31, 2006 ykn baay’ee utuu hin turin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin wal fakkaachuu kan qabu yommuu ta’u, eda’amni kun dimshaashaa barreeffamootaa, foormii Lakkoofsa Barreeffamootaa (S-18-AM) irratti guutamuu qaba. Lakkoofsa ida’ama dimshaashaa barruulee tajaajiltoota barruurrraa argachuun ni danda’ama. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa godhamu kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa formicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaatiif foormii Lakkoofsa Barreefamaa (S-18-AM) jedhamu sadiitu ergamaa. Koppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara waajjira dameetti ergaa. Koppii isa lammaffaa galmee keessan keessa kaa’adhaa. Koppii sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’uu danda’a.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Fulbaana 1 ykn baay’ee utuu hin turin herrega gumii sakatta’uu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf qofa baankii kaa’ame yoo jiraates sakatta’uuf qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yoo raawwate, gabaasa herregaa itti aanutti gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Foormiiwwan iyyata qajeelchaa, guyyaa tajaajilli kun itti jalqabamu, jechuunis yoo xinnaate guyyoota 30 dura, gara waajjira dameetti utuu ergamanii gaariidha. Barreessaan gumichaa foormiiwwan kun sirriitti guutamuusaanii irra deebi’ee ilaaluu qaba. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan, guyyaasaa tilmaamaan guutuufi gara fuulduraafis galmeeffatanii qabachuu qabu. Barreessaan gumichaa guyyicha Galmee Babal’istoota Gumiirratti (S-21) guutuu qaba.
◼ Barreessitoonni gumii qajeelchitoonni gumii hundi, Xalayaa Muudama Qajeelchaa Yeroo Guutuu (S-202) qabaachuusaanii mirkaneessuu qabu. Kan hin qabne yoo jiraatan waajjira damee barreessaa gaafadhaa.
◼ Gumiiwwan Kaalaandarii Dhugaa Baatota Yihowaa 2007, Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruu—2007fi Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2007 ajaja barreeffamaa itti aanurratti gaafachuu jalqabuu qabu.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKATTI ARGAMAN: Afaan Chaayinaa: Kiri’eeshinii, Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Dammaqinaan Eegaa!, Nama Jaallannu Yeroo Du’aan Dhabnu, T-20 (Jajjabina); bi-12; Ingiliffa: Jildii Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! 2005, Hiika Adunyaa Haaraa mp3tiin; Afaan Faransaayi: Kitaaba Waggaa 2006;Tigriffa: Dhaqaa Isaan Cuuphuudhaan Bartootakoo Godhaa (buukleetii gaaffiiwwan cuuphaa qabate)
◼ AMMAS KAN NU HARKATTI ARGAMAN: Amaariffa: Gara Yihowaatti Dhihaadhu; Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Hafuuronni Warra Du’anii; Ingiliffa: Gara Yihowaatti Dhihaadhaa; Kiri’eetarii; Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Mul’ata; Konkordaansii; Indeeksii 30-85; Kitaaba Koo; Barbaacha Ilmaan Namaa Waaqayyoon Argachuuf Godhan; Gaayidaans Oov Good; Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa; Dammaqinaan Eegaa!; Saatsfaaying Laayif; Rood Too Laayiif; Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami; Kitaaba Faarfannaa (isa xinnoo); Afaan Faransaayi: Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?; bi-12; Siwahilii: T-27 (Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!); Tigriffa: Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi; Akkaataa Maree Macaafa Qulqulluu Itti Jalqabaniifi Itti Fufan; Waaqni Nurraa Maan Barbaada?; sb-29 (Kitaaba Faarfannaa).