LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/06 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Onkoloolessa 9 Jalqabu
  • Faarfannaa 79 (177)
  • Torban Onkoloolessa 16 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 23 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 30 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2006
km 10/06 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Onkoloolessa 9 Jalqabu

Faarfannaa 79 (177)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2006, tiraaktii Oduu Mootummichaa Lak. 37 wajjin akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: “Warri Kaan Michuu Waaqayyoo Akka Ta’an Gargaaraa.”* Dhaggeeffattoonni fakkeenyi warra kaaniifi kadhannaan isaan garaadhaa dhiheessan cuuphamuuf hammam akka isaan gargaare yaada akka kennan afeeri.

Daq. 20: Tiraaktii Oduu Mootummichaa Lak. 37 Raabsuuf Qophaa’aa. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Duula kana ilaalchisee, qophiiwwan Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2006⁠rratti godhame irra deebi’i. Duula kanarratti hundumtuu hinaaffaadhaan akka hirmaatan jajjabeessi. Obboloonni qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu guddina argisiisaa jiran qaban, barattoonnisaanii duula kanarratti akka hirmaataniif akka jajjabeessan dubbadhu. Maatiiwwanis ijoolleensaanii duula kanarratti hirmaachuu danda’uufi dhiisuusaanii itti yaaduu qabu. Ulaagaalee kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 79-81⁠rra jiran gabaabsii ibsi.

Faarfannaa 99 (221) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 16 Jalqabu

Faarfannaa 38 (85)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 20: Qayyabannaa Kitaabaarraa Faayidaa Argachuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, mataduree xiqqaa ful. 69 hanga mataduree xiqqaa jalqabaa ful. 72⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Daq. 15: “Wantoota Akkamiitiif Dursa Kennita?”* Babal’istoonni hojii Mootummichaatiif dursa kennuuf jecha, sagantaasaanii akkamitti akka sirreessan, akkasumas eebba argataniin gammachuu isaanitti dhaga’ame akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 76 (172) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 23 Jalqabu

Faarfannaa 28 (58)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa galataa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15fi Dammaqaan! Onkoloolessa 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko namoota maree dhaabsisuuf jecha, “Yeroo hundumaa kan dhuftan maaliifi?” jedhaniif deebii akkamii akka kenninu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 20 ilaali.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Walga’iiwwan Tajaajila Dirreerraa Guutummaatti Faayidaa Argachuu.”* Keeyyata 3⁠rratti yommuu mari’attan, yaada Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2001 Saanduqa Gaaffii, key. 4⁠rra jiruufi bakka obboleessi walga’ii geggeessuuf ga’eessa ta’e hin jirretti maal gochuun akka danda’amu yaada ibsu dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 60 (143) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 30 Jalqabu

Faarfannaa 91 (207)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa yommuu deebisan, baay’ina tiraaktii Oduu Mootummichaa Lak. 37 raabsan duuba foormii gabaasa tajaajilaa ittiin deebisanirratti akka barreessan yaadachiisi.

Daq. 15: Ijoollee Anaa Wajjin Barataniif Lallabuu Kanan Danda’u Akkamitti? Dammaqaa! (Amaariffa) Ebla 2002, ful. 10-12⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi mareedhaan kan dhihaatu. Barattoota wajjin barataniif dhugaa ba’uudhaan muuxannoo argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: Muuxannoowwan Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lak. 37 Raabsuudhaan Argaman. Babal’istoonni muuxannoo tiraaktii kana raabsuudhaan argatan akka dubbatan gaafadhu. Hamma yoonaatti naannoowwan tajaajilaa hojjetaman caqasuudhaan, warra hafanimmoo hanga Sadaasa 12⁠tti hojjechuuf maal gochuun akka barbaachisu dubbadhu. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisni deddeebiin gaaffii si’a godhamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Babal’istoonni tiraaktii Oduu Mootummichaa yeroon duula kanaaf ramadame utuu hin xumuramin raabsanii fixuu hin danda’an taanaan warri kaan akka raabsaniif akka deebisan yaadachiisi.

Faarfannaa 57 (136) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 6 Jalqabu

Faarfannaa 62 (146)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2004, ful. 6 key. 5⁠rratti argamu ykn akkaataa dhiheenyaa naannoo tajaajilaa keessaniif ta’an garabiraatti fayyadamuudhaan, tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamu yeroo raabsamu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yeroo qabdu taanaan dhaggeeffattoonni tiraaktii kanaan fayyadamuudhaan muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri.

Daq. 15: Gantuu Isa Jalqabaatiin Mormaa! Masaraa Eegumsaa (afaan Oromoo) Guraandhala 1, 2006, ful. 6-9, key. 12-16⁠rratti hundaa’ee haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 20: Dubbicha Lallabuun Gammachuu Argamsiisa. Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2002, ful. 8-9⁠rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni tajaajilli gammachuu akkamii akka argamsiiseef akka dubbatan afeeri. Obboloota yaada kennan lama ykn tokko dursii qopheessi.

Faarfannaa 4 (8) fi kadhannaa xumuraa.

[Footnotes]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi