Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Sadaasa 13 Jalqabu
Faarfannaa 65 (152)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1fi Dammaqaan! Onkoloolessa 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko, nama “Amantii keessan sirriittan beeka” jechuudhaan maree dhaabsisuu barbaaduuf deebiin yeroo kennamu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 20 ilaali.
Daq. 20: Tajaajiltoota Misiraachichaa. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 77 hanga mataduree xiqqaa ful. 83rratti hundaa’uudhaan haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: “Ija Jabeeyyii Ta’aniyyuu Nagaa Barbaadu.” Yaadawwan kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 252-3, mataduree xiqqaa dalga barreeffameefi “Yeroo Sababa Qabeeyyii Ta’uun Itti Barbaachisu” jedhu jala jiran dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 1 (3) fi Kadhannaa xumuraa.
Torban Sadaasa 20 Jalqabu
Faarfannaa 54 (132)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Ji’a Muddeetti kitaaba Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu raabsuu. Marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni kitaaba kana kan dinqisiifatan karaa kamiin akka ta’e akka dubbataniifi isa raabsuudhaan muuxannoo gammachiisaa argatan akka dubbatan afeeri. Akkaataawwan dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005rratti ba’an irra deebi’aa. Akkaataawwan dhiheenyaa kana keessaa tokkotti ykn naannoo keessaniif bu’a qabeessa kan ta’e tokkotti fayyadamuudhaan, kitaaba kana akkamitti raabsuun akka danda’amu argisiisi.
Faarfannaa 80 (180) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Sadaasa 27 Jalqabu
Faarfannaa 85 (191)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa galataa waajjirri damee barreesse dubbisi.
Daq. 10: Gumiirratti Karaa Caalaatti Bu’a Qabeessa Ta’een Yaada Kennuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Jaarsi gumii Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 1995rraa dhiheessa. Yaanni kennan gabaabaafi kallattiidhaan kan namaa galu akka ta’u hubachiisi. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 70fi 141, akkasumas Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2003, ful. 21, key. 6rra yaada tokko tokko caqasi.
Daq. 15: “Barruulee Raabsuuf Qophii Gochuu.” Babal’istoonni lama tarii abbaan manaafi haati manaa, akkaataa dhiheenyaa Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15 fi Dammaqaa! Sadaasa 2006 raabsuuf ful. 8rratti ba’e keessaa filatanii, jecha mataasaaniitiin dubbachuudhaan akkamitti akka itti fayyadaman yeroo mari’atan kan argisiisu hojiin argisiisni daqiiqaa sadii akka dhihaatu godhi. Achiis, akkaataawwan dhiheenyaa mataduree irratti mari’attan kana keessa jiruun fayyadamanii, mataduree yeroo sanatti naannoosaaniitiif barbaachisaa ta’e kan biraarratti qophaa’anii hojiidhaan argisiisu.
Daq. 15: “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootiin Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?” Gaaffiifi deebiidhaan akkasumas hojiin argisiisaan kan dhihaatu. Jaarsi kutaa kana dhiheessu, barreeffama waajjirri damee qopheesse sirriitti hordofuu qaba.
Faarfannaa 43 (98) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Muddee 4 Jalqabu
Faarfannaa 66 (155)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Sadaasaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 15: Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu Dhaggeeffattoonni bifawwan addaa kitaaba kanaatti, fakkeenyaaf saanduqootaafi fakkeenyawwansaatti karaa bu’a qabeessa ta’een akka fayyadaman jajjabeessi. Qayyabannaa hunda booda Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan barumsicha irra deebi’uun barbaachisaadha.
Daq. 20: Yeroo Deebii Kennitan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaa. Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2002, ful. 17-18, mataduree xiqqaa, “Dhugaa Barsiisnuuf Jaalala Qabaachuu” jedhurratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni gaaffii hundumaarratti yaada akka kennan afeeri. Babal’isaan tokko, kitaaba Ragaa Dhiheessuutti fayyadamee nama isaa wajjin hojjetuufi “Isin Ayyaana Qillee kan hin kabajne maaliifi?” jedhee gaafatuuf deebii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e yeroo kennu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.