Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Muddee 11 Jalqabu
Faarfannaa 77 (174)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1fi Dammaqaan! Sadaasa 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko, nama “Fedhii hin qabu” jedhuuf deebiin yeroo kennamu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 16 ilaali.
Daq. 15: Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2007. Haasawaafi gaafannoowwan ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa godhuun kan dhihaatu. Qabxiilee gumichaaf barbaachisan miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2006rraa dhiheessi. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa amalawwan haasawaa barataan sun irratti hojjetu dursee akka hin beeksifne dubbadhu. Dubbisni Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa Isaayaas boqonnaa 24 hanga Miilkiyaasitti jiru 2007tti xumurama; kunis obboloonni kutaa yaada ijoo Macaafa Qulqulluu dhiheessanis ta’an, warri kaan barreeffamoota ibsa macaafota raajii kanaaf kennamerra jiranitti fayyadamuudhaan yaada akka kennan carraa gaarii isaaniif bana. Babal’istoota armaan gadi jiran keessaa lama ykn sadiif gaafannoo godhi: barataa haaraa reefuu mana barumsichaatti galmeeffameef, dargaggeessa karaa hafuuraa guddina argisiisaa jiruuf, akkasumas barataa muuxannoo qabuuf. Manni barumsichaa tajaajilasaaniifi sochii hafuuraasaaniitiin bu’aa gaarii akkamii akka isaaniif argamsiise akka dubbatan godhi. Hundumtuu kutaa kennamuuf dhimmanii akka qophaa’an, yaada ijoo Macaafa Qulqulluu kennuurratti akka hirmaatan, akkasumas yaadawwan kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamurraa torbee torbeedhaan dhihaatan hojiirra akka oolchan jajjabeessi.
Daq. 20: “Jaalala Dur Qabdan Hin Dhiisinaa.” Yeroo qabaannaan dhaggeeffattoonni caqasawwan yaannisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan afeeri.
Faarfannaa 86 (193) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Muddee 18 Jalqabu
Faarfannaa 74 (168)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Saanduqa Gaaffii (1) dhiheessi. Guyyoota ayyaanaatti qophii addaa tajaajilaaf godhame ibsi.
Daq. 15: “Namoota Hamma Ta’e Fedhii Argisiisan Hunda Deebi’aa Gaafadhaa.” Dhaggeeffattoonni karaa alidilee ykn karaarratti si’a tajaajilan, teessoo namoota fedha argisiisanii akkamitti akka fudhatan akka dubbatan afeeri. Deddeebii gaaffii namoota akkasiitiif godhaniin muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennan dursanii qopheessuun ni danda’ama.
Daq. 20: “Fedhiidhaan Of Dhiheessuun Eebba Argamsiisa.” Babal’istoota hojiidhaaf fedhaan of dhiheessuutti beekaman lama ykn tokkoof gaafannoo godhi. Fedhii of dhiheessuu kan argisiisan akkamitti? Sirreeffama akkamii gochuutu isaan barbaachisee ture? Kanahoo gochuu kan danda’an akkamitti? Kana gochuusaaniitiin eebbawwan akkamii argatan?
Faarfannaa 80 (180) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Muddee 25 Jalqabu
Faarfannaa 14 (34)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galataa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 15fi Dammaqaan! Muddee 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaarratti, gaaffii yeroo ittaanutti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamurraa deebii argatu tokko kaasuudhaan xumuru.
Daq. 15: Guddina Tajaajilarratti Argamaa Jiru Gabaasuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu mataduree xiqqaa ful. 83 hanga dhuma boqonnichaarratti hundaa’uudhaan haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 20: “Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?” Baay’ina naannoo tajaajilaa gumichaa, si’a meeqa akka hojjetame, naannoon tajaajilaa dhuunfaa jiraachuufi dhiisuusaa ilaalchisee ilaaltuun olaanaa tajaajilaa yaada gabaabaa akka kennu godhi.
Faarfannaa 24 (50) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 1 Jalqabu
Faarfannaa 51 (127)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Muddee akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa ykn Saanduqa Gaaffii (2) jedhu dhiheessuu dandeessu.
Daq. 30: “Namoonni Fedhii Qaban Sodaa Namootaa Akka Mo’an Gargaaraa.” Kutaan kun ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaata. Yeroo qabaannaan Caqasawwan key. 2, 5, 6fi 8rra jiran akka dubbifaman taasisi. Yaada key. 2fi 5rratti hundaa’uudhaan hojiin agarsiisni gabaabaan lama akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 88 (200) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.