LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/07 ful. 1
  • Wanta Gati-Jabeessa Hadaraadhaan Nutti Kenname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Gati-Jabeessa Hadaraadhaan Nutti Kenname
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garaan Keessan Qabeenya Hafuuraa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mirga Lallabuuf Qabduuf Bakka Guddaa Kenni
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Kennaawwan Ijaan hin Argamneef Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Ergaa Mootummattii Lallabuun Mirga Guddaadha
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 2/07 ful. 1

Wanta Gati-Jabeessa Hadaraadhaan Nutti Kenname

1 Phaawulos hojii lallabaa isaaf kennameef bakka guddaa kennuusaatiin kan ka’e “wanta gati-jabeessa” jechuudhaan ibseera. (2 Qor. 4:7) Qorumsaafi ari’atama hojii kana hojjechuusaatiin isarra ga’e danda’eera. Nuffii tokko malee carraa argate hundaan lallabeera. Lafarras ta’e bishaanirra adeemsa rakkisaafi balaa isarra geessisu godheera. Nutoo Phaawulosiin fakkaachuufi tajaajila keenyaaf bakka guddaa kennuu kan dandeenyu akkamitti? (Rom. 11:13) Tajaajila keenya hunda caalaa gati-jabeessa kan isa godhu maalidha?

2 Wanta Hundarra Gati-Jabeessa Ta’e: Wanti lafarratti gati-jabeessa ta’e yeroo baay’ee rakkina kan geessisu, akkasumas faayidaansaa murtaa’aafi yeroo xinnoodhaaf qofa kan turudha. Haala kanarraa adda ta’een, tajaajilli keenya nuufis ta’e warra kaaniif faayidaa bara baraa kan argamsiisudha. (1 Xim. 4:16) Namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaa akka beekan, jireenyasaanii keessatti jijjiirama barbaachisaa ta’e akka godhaniifi abdii jireenya bara baraa akka qabaatan isaan gargaara. (Rom. 10:13-15) Tajaajila keenyaaf bakka guddaa kennuudhaan, kaayyoo jireenyaa gammachiisaa ta’eefi abdii nama jajjabeessu qabaanna.—1 Qor. 15:58.

3 Wanta Gati-Jabeessa Kanaaf Bakka Guddaa Akka Kennitan Argisiisaa: Yeroo baay’ee wanta tokkoof bakka guddaa kennuu keenya aarsaa isaaf kaffalluun argisiisna. Yihowaa jajachuudhaaf yeroo hundumaa tajaajilarratti hirmaachuuf, yeroofi humna keenya kennuun mirga akkamiitii? (Efe. 5:16, 17) Moo akkaataan yeroo keenya itti dabarsinu, wantoota fooniifi utuu hin ta’in wantoota hafuuraatiif bakka guddaa akka kenninu kan argisiisudha? Ergaan keenya gati-jabeessa waan ta’eef hinaaffaadhaan akkasumas carraa arganne hundumaan misiraachicha lallabuuf dammaqoo ta’uu qabna.

4 Wanti bakka guddaan kennamuuf tokko, warra kaanitti ni argisiifama malee hin dhokfamu. Tajaajila keenya akka waan gati-jabeessaatti kan ilaallu yoo ta’e, jireenya keenya keessatti bakka guddaa kenninaaf. (Mat. 5:14-16) Dinqisiifannaadhaan guutamnee, fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan carraa arganne hundumaatti tajaajila keenya akka waan gati-jabeessaatti ilaaluudhaan bakka guddaa akka kenninuuf haa argisiisnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi