Mirga Lallabuuf Qabduuf Bakka Guddaa Kenni
1. Namoonni biyya lafaa hedduun hojii lallabaa keenyaaf ilaalacha akkamii qabu?
1 Namoota addunyaa Seexanaa kana keessa jiran baayʼeedhaaf hojiin lallabaa keenya “gowwummaa” dha. (1 Qor. 1:18-21) Yoo of eeggannoo gochuu baanne, ilaalchi dogoggora taʼe kun abdii nu kutachiisuufi hinaaffaa keenya hirʼisuu dandaʼa. (Fak. 24:10; Isa. 5:20) Wantoonni mirga Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuudhaan arganneef bakka guddaa akka kenninu godhan maalfaʼi?—Isa. 43:10.
2. Tajaajilli hojii qulqulluu jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?
2 Hojii Qulqulluu: Phaawulos ergamaan tajaajila keenya hojii “lubaa” wajjin wal fakkeessuudhaan, qulqulluu taʼuusaa ibseera. (Rom. 15:15, 16, NW) Tajaajilli hojii qulqulluu kan taʼe akkamitti? Tajaajilarratti hirmaachuun keenya, Yihowaa isa “qulqulluu” taʼee ‘wajjin akka hojjennuufi’ qulqulleeffamuu maqaasaatiif gumaacha akka goonu nu dandeessisa. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899; 1 Phe. 1:15) Yihowaan hojiin lallabaa keenya “aarsaa galataa” akka taʼetti ilaala; kanaaf tajaajilli kutaa waaqeffannaa bakka guddaa qabudha.—Ibr. 13:15.
3. Misiraachicha lallabuun ulfina guddaa kan taʼe maaliifi?
3 Misiraachicha lallabuun, ulfina guddaa namoonni muraasni qofti argatanidha. Ergamoonni Waaqayyoo hojii kana hojjechuuf utuu mirga argatanii gammachuudhaan akka hojjetaniifi buʼaa guddaa akka argatan hin shakkisiisu. (1 Phe. 1:12) Haataʼu malee, Yihowaan mirga guddaa kanaaf namoota cubbamoo akka “qodaa suphee” taane filate!—2 Qor. 4:7.
4. Tajaajilaaf bakka guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Wanta Dursa Kennamuuf: Mirga arganneef bakka guddaa waan kenninuuf, tajaajilli jireenya keenya keessatti wantoota kaanirra “waan wayyu” akka taʼetti ilaalla. (Filp. 1:10, hiika bara 1899) Kanaaf, tajaajilarratti hirmaachuuf torban torbaniin yeroo ramadna. Namni tuuta muuziqaa addunyaarratti beekamaa taʼe tokko keessatti taphachuuf mirga qabuuf bakka guddaa kennu tokko, hojii dhiheessu hundaaf ni qophaaʼa; akkasumas dandeettiisaa fooyyeffachuuf ni carraaqa. Haaluma wal fakkaatuun, gara tajaajilaa deemuu keenya dura qophaaʼuudhaan, “jecha dhugaa akka gaaritti fayyadamuu” akkasumas “ogummaa barsiisu” keenya guddisuu dandeenya.—2 Xim. 2:15; 4:2, NW.
5. Tajaajila keenya kan dinqisiifatu eenyudha?
5 Ilaalchi namoota hedduu abdii akka si kutachiisu hin heyyamin. Naannoo tajaajilaa keenya keessa namoonni tajaajila keenya dinqisiifatan baayʼeen akka jiran yaadadhu. Taʼus, fudhatama argachuu kan barbaannu namoota duratti miti. Wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu, Yihowaatti maaltu itti dhagaʼama kan jedhuufi ilaalcha inni carraaqqii keenyaaf qabudha.—Isa. 52:7.