Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Guraandhala 12 Jalqabu
Faarfannaa 47 (112)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 1fi Dammaqaan! Amajjii 2007 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko, nama “Waa’ee amantii mari’achuuf fedhii hin qabu” jechuudhaan maree dhaabsisuuf deebiin yeroo kennamu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 16-17 ilaali.
Daq. 35: “Hojii Yihowaa Isa Jajamaa Labsaa.” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Iddoo barbaachisaa ta’etti, yeroofi bakka Ayyaanni Yaadannoo itti geggeeffamu, qophii dabalataa walga’ii tajaajila dirreetiif godhame, akkasumas ji’a Eblaatti kaayyoo gumichi qajeelchitootaaf qabu beeksisi.
Faarfannaa 20 (45) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 19 Jalqabu
Faarfannaa 7 (19)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 20: “Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti Yeroo Fayyadamtan Fakkeenya Barsiisaa Guddichaa Hordofaa.” Keeyyata 6ffaarratti si’a mari’attan, babal’isaan tokko kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu saanduqa dhuma boqonnaa 6rra jirutti fayyadamuudhaan boqonnicha barataasaa wajjin si’a irra deebi’u kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan haa dhihaatu.
Daq. 20: Ji’a Bitootessaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Karoora Baafattaniittuu? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Jalqaba walakkaa torbee ji’a Bitootessaatti, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamuudhaan qayyabannaa jalqabsiisuuf karoora baafanna. Yaada miiltoo Tajaajila mootummaa Amajjii 2006, ful. 3-6rra jiru irra deebi’i. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, jalqabuma haasofsiifneen qayyabannaa akkamittiin jalqabsiisuu akka dandeenyu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Dhaggeeffattoonni kitaaba kanatti fayyadamuudhaan muuxannoo isaan gammachiise, keessumaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabsiisan yoo jiraatan akka dubbatan godhi.
Faarfannaa 98 (220) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 26 Jalqabu
Faarfannaa 11 (29)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 15fi Dammaqaan! Guraandhala 2007 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni tokko babal’isaan tokko naannoo daldalaatti si’a tajaajilu kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 15: “Obboloota Karaa Hafuuraa Dadhaban Hin Dagatinaa.” Yaada Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2004, ful. 21-22, key. 13-16rra jiru itti dabalii dhiheessi.
Daq. 20: “Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa.” Yeroo qabaannaan caqasawwan yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 66 (155) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 5 Jalqabu
Faarfannaa 12 (32)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Dhaggeeffattoota hundaaf waraqaa afeerraa Ayyaana Yaadannoo tokko tokko kennuufiidhaan, naannoo tajaajilaa keessatti akkaataa ittiin raabsamu ilaalchisee, qophiiwwan gumichi godherratti mari’adhaa. Hundinuu waraqaa afeerraa kana raabsuurratti akka hirmaatan jajjabeessi. Akkaataa itti fayyadama waraqaa afeerraa kanaa ilaalchisee hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Misiraachicha Karaa Sirna Qabeessa Ta’een Lallabuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu mataduree xiqqaa ful. 102 hanga dhuma boqonnichaarratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: “Wanta Gati-Jabeessa Hadaraadhaan Nutti Kenname.” Yeroo qabaannaan, caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 57 (136) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.