LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/07 ful. 7
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 4/07 ful. 7

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman; Eblaafi Caamsaa: Barruulee. (Amaariffa) Yeroo deddeebii gaaffii gootan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kennuufii dandeessu. Waxabajjii: Kitaaba Gammachuu Maatii. Adoolessa: Birooshuroota.

◼ Walga’ii koonyaa 2007 godhamuuf kaardiin qomarratti kaa’atamu, Eblaa kaasee barreeffama kaanii wajjin isiniif ergama. Kaardiiwwan kana argachuuf foormii guutuun hin barbaachisu. Gumiin kaardii dabalataa barbaadu garuu, Foormii Barreeffamni Ittiin Ajajamu (S-14) guutee erguu qaba. Obboloonni man’ee kaardichaa barbaadan hundi ajajuu qabu.

◼ Barreessitoonni gumii, foormii Iyyata Tajaajila Qajeelchaa (S-205) jedhamuufi foormii Iyyata Tajaajila Qajeelchaa Gargaaraa (S-205b) ga’aa qabaachuu qabu. Foormii Barreeffamni Ittiin Ajajamu (S-14) guutuudhaan foormiiwwan kana gaafachuun ni danda’ama. Yoo xinnaate kan waggaa tokkoof ga’u ajajamuu qaba. Foormiiwwan kana gara waajjira dameetti erguu keessan dura sirriitti guutamuusaanii mirkaneessaa.

◼ Waajjirri damee, teessoo haaraa, lakkoofsa bilbilaa sassaabdota ilaaltuu olaanaafi barreessitoota hundaa qabaachuunsaa barbaachisaadha. Obboloonni kun teessoo jijjiirrataniiru taanaan, koreen tajaajilaa foormii Teessoo Haaraa Sassaabaa Ilaaltuu Olaanaa/Barreessaa (S-29) jedhamurratti guutee mallatteessuudhaan hatattamaan waajjira dameetti erguu qaba. Kun jijjiirama lakkoofsa bilbilaas ni dabalata.

◼ Yeroo kamittiiyyuu biyya garabiraa yommuu dhaqxan, walga’iiwwan gumii, aanaa, addaa ykn koonyaarratti argamuuf karoora yoo qabaattan, guyyaa, sa’aatiifi bakka walga’iin itti geggeeffamu beekuuf, waajjira damee hojii biyya sanaa olaantummaadhaan hordofu gaafachuu qabdu. Teessoowwan waajjiroota damee dhuma fuula Kitaaba Waggaa dhiheenyatti ba’erraa argamu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi