LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/07 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 4/07 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 30, 2007 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban, Bitootessa 5 hanga Ebla 30, 2007⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yaadannoo keenya gabaabaa gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 168 key. 3]

2. Karaawwan barumsa tokko duraa duubaan dhiheessuuf nu gargaaran afur caqasi. [be ful. 170 key. 3–ful. 172 key. 4]

3. Wanta haasaa keenya keessatti daballu yeroo murteessinu maal yaadachuu qabna? [be ful. 173 key. 1-2]

4. Guutummaatti waraqaarraa dubbisanii dhiheessuu dhiisuun faayidaa maalii qaba? [be ful. 175 key. 3-5]

5. Akka nama tokkoo wajjin haasa’anitti haasawaa dhiheessuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuuhoo kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 179 key. 4, saanduqa; saanduqa ful. 180⁠rra jiru]

HAASAWAA LAK. 1

6. Obboleessi tokko yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu akka dhiheessu yeroo kennamuuf akkamitti qophaa’uu qaba? [be ful. 47 key. 3-4]

7. Furiin Kiristos faayidaa nuuf argamsiisu caalaa barbaachisummaa akkamii qaba? [w05 11/1 ful. 14 key. 1]

8. Caqasawwan waraqaa haasawaa sabaarra jiranitti fayyadamuu kan qabnu akkamitti? [be ful. 53 key. 1-2]

9. Yesus yeroo barsiisaa turetti kaayyoonsaa maal ture? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyuhoo akkamitti? [be ful. 57 key. 1]

10. Wantoota lama wal bira qabanii barsiisuun bu’a qabeessa kan ta’e maaliifi? [be ful. 57 key. 3-4]

DUBBISA M.Q.

11. Gorsa Ermiyaas 6:16⁠rratti ‘daandii isa durii, karaa isa ba’eessarra’ adeemaa jedhame hordofuuf carraaqii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12. Yihowaan Yihudoota amanamoo hin taane barsiisuuf allaattii hawaannisaa kan filate maaliifi? Kanarraa maal barachuu dandeenya? (Er. 8:7)

13. Ilaalcha bashannanaaf qabnuun haala wal qabateen, yeroo har’aa Ermiyaas 15:17 hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

14. Ilmaan namootaa akka suphee harka Isa Suphee Dha’u Isa Guddaa keessa jiruu kan ta’an akkamitti? (Er. 18:5-11)

15. Duraa duubni Ermiyaas 25:17-26⁠rratti saboonni itti ibsaman bara keenyaaf hiika guddaa kan qabu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi