Qayyabannaa 26
Barumsicha Karaa Nama Amansiisuun Qindeessuu
BARUMSICHA qindeessuukee dura, kaayyoo tokko qabaachuu qabda. Kaayyoonkee amantii, ilaalcha, amala, gocha ykn akkaataa jireenyaa tokko ilaalchisee odeeffannoo kennuumoo, yaanni tokko sirrii taʼuufi dhiisuusaa amansiisuudha? Dhaggeeffattoonni wanta tokkoof dinqisiifannaa akka qabaatanmoo, tarkaanfii akka fudhatan kakaasuudha? Barumsicha nama tokkoofis taʼe dhaggeeffattoota hedduudhaaf kan dhiheessitu yoo taʼe, kaayyookee galmaan gaʼuu kan dandeessu dhaggeeffattoonni dhimma sana hammam akka beekaniifi ilaalcha akkamii akka qaban yoo hubattedha. Kana booda, barumsicha karaa galmakeerra akka geessu si gargaaruun qindeessi.
Hojiin Ergamootaa 9:22 tajaajila Saaʼol (Phaawulos) Damaasqootti raawwate ilaalchisee, “Yesus Masiihii taʼuu isaa kan inni ittiin hubachiises amansiisaa waan tureef, Yihudoonni warri Damaasqoo jiraatan walii isaa wallaalan” jedha. Phaawulos barumsicha karaa nama amansiisuun kan qindeesse akkamitti? Seenaa tajaajilaa Phaawulos yeroo booda Anxokiyaafi Tasaloniiqeetti raawwaterraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yihudoonni Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaatti akka amananiifi Masiihicha ilaalchisee wanta caaffanni kun jedhu fudhachuusaanii akka buʼuuraatti itti fayyadameera. Achiis, caqasoota waaʼee jireenyaafi tajaajila Yesus dubbatan filachuudhaan, caqasoonni kun Yesusirratti akkamitti raawwiisaanii akka argatan ibseera. Dhumarrattis dhaggeeffattoonnisaa Yesus, Kiristos ykn Masiihiidha jedhanii akka amanan godheera. (HoE. 13:16-41; 17:2, 3) Atis dhugaa Macaafa Qulqulluu akkasitti yoo dhiheessite barumsikee kan nama amansiisu taʼa.
Haasaa Qindeessuu. Barumsi tokko karaa nama amansiisu addaddaatiin qindaaʼuu dandaʼa. Yoo barbaadde, malawwan garaagaraa walitti qindeessitee fayyadamuu dandeessa. Mee malawwan kana keessaa muraasasaanii haa ilaallu.
Matadureedhaan qindeessuu. Kana gochuun barumsicha kutaa garaagaraatiin qindeessuu kan gaafatu siʼa taʼu, kutaan kun, kaayyookee galmaan gaʼuuf kan si gargaaru taʼuu qaba. Akkasumas, yaada ijoo matadureekee ibsuuf gargaaruufi ragaa wanti tokko sirrii ykn dogoggora taʼuusaa ibsu qabaachuu dandaʼa. Qabxiiwwan tokko tokko matadureekee wajjin walitti dhufeenya yoo qabaataniyyuu, haala dhaggeeffattootaa ykn kaayyoo barumsakee tilmaama keessa galchuudhaan itti dabaluu ykn irraa hirʼisuu dandeessa.
Matadureedhaan qindeessuun akkamitti akka dandaʼamu fakkeenya tokko haa ilaallu. Ibsi gabaabaan maqaa Waaqayyoo ilaalchisee kennamu qabxiiwwan (1) maqaa Waaqayyoo beekuun maaliif barbaachisaa akka taʼe, (2) maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼeefi (3) maqaa kanaaf ulfina kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan dabalatu taʼuu dandaʼa.
Barreeffamoota “hojjetaan amanamanii fi ogeessi” Macaafa Qulqulluu akka ittiin qayyabsiisnu qopheesse ilaaluudhaan, barumsa tokko karaa nama amansiisuun akkamitti qindeessuun akka dandaʼamu hubachuu dandeenya. (Mat. 24:45) Barreeffamoonni kun, matadureewwan dhugaa Macaafa Qulqulluu barumsa buʼuuraa argachuuf barattoota gargaaran qabataniiru. Kitaabota gurguddaa keessatti boqonnaan hundi mataduree xixiqqaadhaan qoqqoodamee kaaʼama. Mataduree xixiqqaan hundi baraticha yaada ittaanuuf qopheessa; akkasumas yaada guutummaa boqonnichaa akka hubatu isa gargaara.
Sababiifi buʼaa ykn miidhaa. Barumsa tokko karaa nama amansiisuun qindeessuuf mala nama gargaaru keessaa inni tokko, sababiifi buʼaa ykn miidhaasaa ibsuudha.
Wanti namni ykn gareen tokko gochaa jiru ykn gochuu yaade buʼaa ykn miidhaa akkamii akka qabu of eeggannoodhaan akka irratti yaadu gochuu barbaannaan, mala kanaatti fayyadamuunkee gaariidha. Fakkeenyi boqonnaan 7 sababiifi buʼaa ykn miidhaa gocha tokkoo akka gaariitti ibsa. Fakkeenyaaf dargaggeessi wallaalaan “qalbii hin qabne” (sababii) dubartii ejjituu tokko duukaa buʼuunsaa rakkina (buʼaa ykn miidhaa) akka itti fide ibsa.—Fak. 7:7.
Yaadasaa caalaatti jabeessuuf, rakkina namoota daandii Yihowaarraa goranirra gaʼuufi eebba namoonni isaaf abboomaman argatan walbira qabdee dubbachuu dandeessa. Museen sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii dura, hafuura Yihowaatiin geggeeffamee haasaa dhiheesserratti eebbaafi abaarsa walbira qabee ibseera.—Kes. boq. 28.
Al tokko tokkommoo haala tokko (buʼaa ykn miidhaasaa) dubbachuu erga jalqabdee booda, wanta dhimma sanaaf kaʼumsa (sababii) taʼe ittaansitee dubbachuunkee gaariidha. Yeroo baayʼee malli kun rakkina tokko furmaatasaa wajjin wal qabsiisanii ibsuu gaafata.
Rakkinaafi furmaatasaa. Tajaajilarratti, jalqaba wanta namoota yaaddessu erga caqastee booda, furmaatasaa yoo itti himte si dhaggeeffachuuf kakaʼuu dandaʼu. Rakkina sana kan caqase siʼi ykn nama haasofsiistu taʼuu dandaʼa.
Dullumaafi duʼa, yakka ykn jalʼina babalʼachaa jiru caqasuu dandeessa. Rakkoowwan kun jiraachuunsaanii waan beekamuuf ibsa balʼaa irratti kennuun barbaachisaa miti. Rakkina sana erga caqastee booda furmaata Macaafni Qulqulluun kennu dubbadhu.
Tarii rakkinni caqastu, rakkina haadha ykn abbaa qeentee taʼe mudatu, dhukkuba cimaa abdii nama kutachiisu ykn rakkina namoonni irraan gaʼaniin dhiphina nama tokkotti dhagaʼamu taʼuu dandaʼa. Buʼaa gaarii argachuuf jalqaba xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabda. Macaafni Qulqulluun rakkoowwan kana hunda ilaalchisee yaada gaarii kenna. Haataʼu malee yaada kana hubannaadhaan itti fayyadamuu qabda. Namni haasofsiistu maricharraa faayidaa akka argatu yoo barbaadde, haqa jiru fudhachuu qabda. Kanaaf, rakkinni guutummaatti furmaata argatu ykn yeroo gabaabaadhaaf qofa furmaata argatu isa kam akka taʼe ykn rakkina sirna kana keessatti furmaata argachuu hin dandeenye tokko akkamitti dandaʼanii jiraachuun akka dandaʼamu ifa gochuu qabda. Caqasni caqastu yaada itti himte sanaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Kana gochuu baannaan furmaanni dhiheessitu namicha kan hin amansiisne taʼuu dandaʼa.
Duraa duuba yeroo. Barumsi tokko caalaatti kan nama gammachiisu duraa duuba yerootiin yoo dhihaatedha. Fakkeenyaaf, Dhaʼichi Kurnaan macaafa Baʼuu keessatti ibsame duraa duuba itti raawwatameen barreeffame. Phaawulos, namoota amantii Ibroota boqonnaa 11rratti ibsaman kan caqase duraa duuba bara itti jiraataniin ture.
Waaʼee wantoota darbanii duraa duuba yerootiin dubbatta yoo taʼe, dhaggeeffattoonni haalawwan tokko tokko akkamitti akka raawwataman hubachuuf isaan gargaara. Wantoota bara keenyattis taʼe bara duriitti raawwataman yommuu ibsitu mala kanatti fayyadamuu dandeessa. Akka kanaan mala duraa duuba yerootiin, akkasumas sababiifi buʼaa ykn miidhaasaa walbira qabdee dhiheessuu dandeessa. Wanta Macaafni Qulqulluun gara fuulduraatti akka raawwataman dubbatu duraa duuba itti raawwatamaniin yoo ibsite, dhaggeeffattoonni utuu hin rakkatin si hordofuufi barumsa dhiheessite salphaatti yaadachuu dandaʼu.
Duraa duuba yerootiin dubbachuu jechuun, yeroo hunda jalqabaa kaastee ibsuu qabda jechuu miti. Yeroo tokko tokko, kutaa barumsichaa keessaa isa caalaatti nama hawwatuun jalqabuunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf muuxannoo amanamummaa namni tokko Waaqayyoof qabu yoom akka qorame dubbachuu filatta taʼa. Akkas gochuudhaan hawwiidhaan akka si dhaggeeffatan erga gootee booda, seenicha duraa duubasaatiin dubbachuu dandeessa.
Qabxii Barbaachisaa Taʼe Qofa Dhiheessi. Barumsicha karaa kamiyyuu yoo qindeessite, qabxiiwwan barbaachisaa taʼan qofa dhiheessi. Matadureen barumsichaa qabxiiwwan filatturratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Haala dhag geeffattootaas tilmaama keessa galchuu qabda. Barumsi namoota naannoo tokkotti argamaniif barbaachisaa taʼe, namoota naannoo garabiraatti argamaniif barbaachisaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kana malees, qabxiiwwan haasaakee keessatti argaman hundi, kaayyoo haasaakee galmaan gaʼuuf kan gargaaran taʼuu qabu. Akkas gochuu baannaan akkaataan barumsicha itti dhiheessitu kan namatti tolu taʼus, barumsichi buʼaa kan hin qabne taʼuu dandaʼa.
Yeroo qorannaa gootu, yaadawwan mataduree dhiheessituu wajjin walitti dhufeenya qaban hedduu argachuu dandeessa. Haataʼu malee hammamsaaniitti fayyadamuu qabda? Yaanni caqastu garmalee yoo baayʼate, kaayyookee galmaan gaʼuu hin dandeessu. Qabxiiwwan hedduu ariitiidhaan dhihaatan caalaa, qabxiiwwan muraasa akka gaariitti ibsaman yaadachuutu salphata. Kana jechuun garuu qabxiiwwan gaggaarii tokko tokko caqasuu hin dandeessu jechuu miti. Haataʼu malee, qabxiiwwan kun kaayyoo haasaakee si jalaa dhoksuu hin qaban. Qabxiiwwan akkasii Maarqos 7:3, 4fi Yohannis 4:1-3, 7-9rratti ibsamaniiru.
Dhaggeeffattoonni si hordofuuf akka hin rakkannetti, qabxii tokkorraa gara isa kaaniitti saffisaan hin ceʼin. Qabxiin dhiheessaa jirtu kan wal qabate akka taʼutti, yaada tokko isa kaanii wajjin wal qabsiisi. Wanti wal qabsiisuuf itti fayyadamtu, gaalee ykn hima guutuu walitti dhufeenya yaada lamaan gidduu jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Afaan hedduu keessatti, yaanni haaraan tokko yaada isa duraa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ibsuuf, wal qabsiistuutti ykn gaaleewwanitti fayyadamuun ni dandaʼama.
Qabxiiwwan barbaachisaa taʼanitti fayyadamuufi barumsicha karaa nama amansiisuun qindeessuunkee kaayyoo haasaakee galmaan gaʼuuf si gargaara.