LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/07 ful. 8
  • Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Duula Addaa Onkoloolessa 16–Sadaasa 12tti Godhamu!
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Fudhattanii Hojjechuudhaan Faayidaa Argachuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2007
km 4/07 ful. 8

Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti

1 Naannoowwan baay’eetti namoota manatti argachuun ulfaataa ta’uunsaa dabalaa adeemeera. Yeroo ‘sodaachisaa’ kanatti jiraachuuf jecha namoonni sa’aatii dheeraa hojjechuuf dirqamu. (2 Xim. 3:1) Namoonni tokko tokkommoo qarshii ga’aa ta’e argachuuf ykn bashannanaaf jecha manasaaniirraa fagaatanii adeemu ta’a. Warra akkasiitti misiraachoo himuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Yaadannoo Gaarii Qabadhaa: Tarkaanfiin inni jalqabaa namoota manatti hin arganne galmeessuudha. Kun yeroo naannoo tajaajilaakee keessatti hojjettu hundumaatti baay’ee barbaachisaadha. Maqaa karichaa, lakkoofsa naannoo tajaajilaa, maqaakeefi guyyaasaa ni galmeessitaa? Atis taate babal’isaan biraa deebitanii yeroo gaafattan ykn namoota manaa dhabdan deebitanii ilaaluu yeroo dhaqxanitti yaadannoo qabachuu akka dandeessanitti galmee keessanirratti bakka duwwaa dhiisuu dandeessu. Lallabdanii yeroo raawwatanitti, abbaan naannoo tajaajilaa sun isinumti deebitanii akka gaafattan yoo heyyame malee galmee ykn yaadannoo qabattan isaaf deebisuu hin irraanfatinaa. Namoota fedhii qaban waraqaa kan biraarratti galmeeffadhaa.

3 Yeroo Adda Addaatti Dhaquu Yaalaa: Namoonni guyyoota torbanii gidduutti manatti hin argamne, gara galgalaa ykn Sanbadduraafi Dilbata manatti argamuu danda’u. Yeroo mijaa’aa ta’etti deemuuf sagantaa keessan sirreessuu ni dandeessuu? (1 Qor. 10:24) Hin dandeessan taanaan, babal’isaa namoota manatti hin argamne yeroo adda addaatti dhaquudhaan argachuu danda’utti kennuu dandeessu. Kanaachi, xalayaadhaan ykn bilbilaan isaan argachuu dandeessu ta’a. Babal’istoonni haalli fayyaasaanii manaa gara manaa dhaquu isaan dhowwu karaa kanaan isin gargaaruu danda’u.

4 Muuxannoon tokko namoota manaa dhabne argachuuf irra deddeebinee yaaluun barbaachisaa ta’uusaa argisiisa. Babal’istoonni waggaa sadii deddeebi’anii gara mana tokkoo dhaqaa erga turanii booda dhumarratti haadha mana sanaa argatan. Dubartiin kun yeroo sana hundaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu bakka biraatti jalqabde itti fufuuf Dhugaa Baatota barbaadaa turte.

5 Naannoo Tajaajilaa Keessan Xumuraa: Naannoon tajaajilaa xumurameera kan jedhamu yoomi? Namoota hundumaa manatti argachuuf carraaqqiin erga godhamee boodadha. Keessumaa naannoowwan yeroo baay’ee hin hojjetamnetti namoota manatti hin argamneef akka namoonni karaa sanarra darban hin arginetti tiraaktii ykn barruu tokko kaa’uun gaarii ta’uu danda’a. Naannoon tajaajilaa tokko ji’a afur giddutti hojjetamee dhumuu qaba. Achiis galmeesaa akka haaromsuuf obboleessa tajaajilaa naannoo ta’een mirkaneeffamuu qaba.

6 Hamma dandeenyetti namoonni baay’een maqaa Yihowaa waammatanii badiisarraa ooluuf carraa akka argatan gochuu barbaanna. (Rom. 10:13, 14) Kunimmoo namoota yeroo manaa gara manaa deemnu dhabne kan dabalatudha. Akkuma Phaawulos ergamaa, fedhiin keessan ‘hojii wangeelaa ayyaana Waaqayyoof guutummaatti dhugaa ba’uu’ haa ta’u.—HoE. 20:24.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu rakkina baramaa akkamiitu nu mudata?

2. Namoota manatti hin argamne gargaaruu akka dandeenyu mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

3. Namoota manatti hin argamne argachuuf yaadawwan gargaaran tokko tokko maalidha?

4. Namoota manaa dhabne argachuuf deddeebinee yaaluun barbaachisaa ta’uusaa muuxannoo kamtu argisiisa?

5. Naannoon tokko xumurameera kan jedhamu yoomi?

6. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hunda argachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi