Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Bit. 1
“Namoonni baay’een amantiin hundi gara Waaqayyootti geessa jedhanii amanu. Amantiin namni tokko filatu jijjiirama fida jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gorsa kana hubadhu. [1Yohannis 4:1 dubbisiif.] Barruun kun barumsawwan kan Waaqayyo biraa dhufan ta’uusaanii qoruu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsa. Akkasumas amantiiwwan adda addaa akkamitti akka jalqabaman addeessa.”
Dammaqaa! Bit. 2007
“Geggeessitoonni biyya lafaa baay’een kan of tuulanidha. Amalli kun nagaafi walta’iinsa biyya lafaarratti dhiibaa qaba jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Of tuuluu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu qalbeeffadhu. [Fakkeenya 16:18 dubbisiif.] Matadureen kun bu’aa gadi of qabuun argamsiisu ibsa.” Mataduree ful. 20rraa jalqabu itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Bit. 15
“Namoonni si’a baay’ee waa’ee dhufaatii Yesus ni dubbatu. Dhufaatiinsaa kun yeroo abdiidhaan eegamumoo yeroo sodaatamudha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanta Yohannis isa barreessaa Macaafa Qulqulluu ta’etti dhaga’ame hubadhu. [Mul’ata 22:20 dubbisiif.] Barruun kun dhufaatiin Yesus maal akka raawwatu addeessa.”
Dammaqaa! Ebl. 2007
“Namoonni kutaawwan biyya lafaa baay’eetti argaman, amalli namootaa gadi badaa adeemaa akka jiru itti dhaga’ama. Atoo kana hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Haalli yeroo ammaa raajiin Macaafa Qulqulluu raawwatamaa akka jiru kan argisiisudha. [2 Ximotewos 3:2-4 dubbisiif.] Barruun kun amalli gadi badaa adeemuu jechuun maal jechuu akka ta’eefi innis ilmaan namootaa garamitti geessaa akka jiru ibsa.”