Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Gur. 1
“Rakkoowwan utuma nurra ga’anii, yaada sammuu tasgabbaa’aa ta’e qabaachuu ni dandeenya jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Abdii gara fuulduraa Macaafni Qulqulluun ibsuufi namoota hedduu gargaaran kana hubadhu. [Mataduree dubbachuu barbaadde jalatti yaada caqasame ykn caqasoota achi keessa jiran keessaa tokko dubbisiif.] Barruun kun Macaafni Qulqulluun eessaa akka dhufne, kaayyoon jireenyaa, akkasumas abdiin gara fuulduraa maal akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Gur.
“Yakka garmalee babal’achaa jiruun kan ka’e namoonni hedduun baay’ee sodaatu. Wantoonni kun ni fooyya’u jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Raajii Macaafa Qulqulluu kana hubadhu. [Faarfannaa 37:10 dubbisiif.] Barruun kun madda yakkaafi furmaata Macaafni Qulqulluun rakkoo kanaaf kennu ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Gur. 1
“Maatiiwwan gorsa kana utuu hojiirra oolchanii hammam kan fayyadaman sitti fakkaata? [Efesoon 4:31 dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun walitti bu’iinsawwan uumaman hiikuufi maatiin gammachuu akka argatuuf yaadawwan Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu danda’an tokko tokko ibsa.” Mataduree ful. 18rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Gur.
“Namoonni tokko tokko Waaqayyo dogoggora raawwannu hunda tokko tokkoon nurratti qabata jedhanii amanu. Kaanimmoo cubbuu raawwannu hunda cimaa ta’es ta’uu baatus nuu dhiisa jedhanii yaadu. Atoo maal jetta? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisiif.] Barruun kun araara Waaqayyoo argachuuf tuqaalee sadii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman qabateera.” Mataduree ful. 10rra jiru itti argisiisi.