LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/06 ful. 1
  • Duula Addaa Onkoloolessa 16–Sadaasa 12tti Godhamu!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duula Addaa Onkoloolessa 16–Sadaasa 12tti Godhamu!
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duula Tiraaktii Addaa Onkoloolessa 20 Hanga Sadaasa 16tti Godhamu!
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Oduun Mootummichaa Lakk. 38 Ji’a Sadaasaatti Raabsama!
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Duulli Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Godhamu Bitootessa 1 Jalqaba
    Tajaajila Mootummaa—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2006
km 9/06 ful. 1

Duula Addaa Onkoloolessa 16–Sadaasa 12⁠tti Godhamu!

1 Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lak. 37 inni ji’a ittaanuu kaasee addunyaa maratti raabsamu matadureensaa “Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!” kan jedhudha. Hanga walakkaa ji’a Onkoloolessaatti barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsina. Wiixata, Onkoloolessa 16 hanga Dilbata, Sadaasa 12⁠tti tiraaktii kana raabsuurratti ciminaan hirmaanna. Sanbadduraafi Dilbata yeroo duulaa kana jiranitti barruulee ji’oottan sanatti raabsamanis ni raabsina.

2 Eenyufaatu Irratti Hirmaachuu Danda’a? Dammaqinaan misiraachicha lallabaa kan jiran hundi duula kanarratti guutummaatti hirmaachuu barbaadu. Obboloonni tokko tokko qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’u. Ijoollee ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa guddina argisiisaa jiran qabdaa? Babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’uufi dhiisuusaanii jaarsa gumii akka gaafatan isaan jajjabeessi. Jaarsoliin, namoonni karaa hafuuraa dadhaban babal’istoota muuxannoo qaban wajjin hojjechuudhaan duula kanarratti akka hirmaatan isaan jajjabeessuuf dursa fudhachuu qabu.

3 Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lak. 37 babal’istoota hundumaaf soddoma soddoma akka ga’utti gumiidhaaf ni ergama. Qajeelchitootaaf koppiin dabalataa ni heyyamama. Namoonni babal’istoota hin taanes miseensota maatiifi hiriyootasaaniitiif kennuuf koppii shan shan fudhachuu danda’u. Babal’istoonni, gabaasa tajaajilaa Onkoloolessaafi Sadaasaa yommuu deebisan duubasaarratti hammam akka raabsan barreessuu qabu. Barreessaan gumichaa babal’istoonni hammam akka raabsan guutummaasaa barreessee dhuma ji’a lamaaniirratti waajjira dameetiif gabaasa godha. Duulichi erga xumuramee booda tiraaktiin hafe yoo jiraate bifa tajaajilaa kamirrattiyyuu itti fayyadamuun ni danda’ama.

4 Maal Jechuu Dandeenya? Ergicha bal’inaan dabarsuun akka danda’amuuf dubbii keessan gabaabsaa. Akkas jechuu dandeessu: “Ergaan barbaachisaan faayidaa namootaatiif jecha addunyaa maratti himamaa jira; anis hojii kanarratti hirmaachaan jira. Tiraaktii kana kaffaltii malee fudhachuudhaan ergaasaa dubbisuu dandeessa.” Yeroo manaa gara manaa deemnu korojoo tajaajilaa qabachuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a. Namoota fedhii argisiisan hundumaa yaadannootti qabadhaa.

5 Naannoo Tajaajilaa Keessanitti Hojjechuu: Tiraaktii Oduu Mootummichaa karaarratti raabsuu mannaa, hamma danda’ame manaa gara manaafi naannoo daldalaatti lallabuurratti xiyyeeffadhaa. Namoota manatti hin arganne galmeeffadhaatii torban sanatti sa’aatii ykn guyyaa adda ta’etti deebi’aa yaalaa. Wiixata Sadaasa 6 kaasee namoota manatti hin argamneef koppii kana kaa’uufii dandeenya ta’a. Haata’u malee, gumichi naannoo tajaajilaa yeroo heyyamame gidduutti fixuu hin dandeenye yoo qabaate, jaarsoliin namoota manaa dhabamaniif yeroo duulichaa hundaatti tiraaktiin kun akka kaa’amuuf murteessuu danda’u.

6 Yeroon Baabilon Guddittiin itti balleeffamtu baay’ee dhihaateera. Guutummaatti balleeffamuushee dura namoonni ishee keessaa ba’uu qabu. (Mul. 18:8) Namoonni hundi yeroon amantiiwwan sobaa itti balleeffaman dhihaachuusaa akka beekan gochuuf, duula addunyaa maratti godhamu kanarratti guutummaatti hirmaachuuf ammumaa karoora baafadhaa!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi