Duula Tiraaktii Addaa Onkoloolessa 20 Hanga Sadaasa 16tti Godhamu!
1 Wiixata Onkoloolessa 20 kaasee torban afuriif, duula addaa tiraaktii haaraa, Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu raabsuurratti hirmaanna. Duulli addaa addunyaa maratti godhamu kun, namoonni baay’een madda dhugaa isa tokkichaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennan godha jedhamee yaadama.—Yoh. 17:17.
2 Tiraaktiin kun, gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu ja’aaf deebiiwwan gabaabaa kenna. Isaanis, “Dhuguma Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa?” “Waraanniifi rakkinni ni hafuu?” “Yeroo duunu maal taana?” “Namoonni du’an abdii maalii qabu?” “Waaqayyo akka na dhaga’utti akkamittan kadhachuu qaba?” akkasumas “Gammachuu Dhugaa argachuu kanan danda’u akkamitti?” kan jedhanidha. Manneetiin sagadaa Saba Kiristiyaanaa, gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kennuu hin dandeenye. Namoonni Kiristiyaana ofiin hin jenne baay’eenillee, gaaffiiwwan akkasii isaan yaaddessu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun deebii quubsaa akka kennu hin beekan ta’a. Kanaan kan ka’es, ergaan kun xiyyeeffannaa namoota baay’ee harkisa jennee yaanna.
3 Naannoo Tajaajilaa Keessanitti Raabsaa: Hanga danda’ametti manaa gara manaatti raabsuudhaan naannoo tajaajilaa keessan waliin ga’uuf yaalaa. Naannoon tajaajilaa keessan bal’aa yoo ta’e, tiraakticha namoota mana hin jirreef guyyuma jalqabaa malaan dhiistanii akka adeemtan jaarsoliin isin jajjabeessuu danda’u. Tiraaktii haaraa kana, ollaawwaniifi firoottan keessaniif, namoota waliin hojjettan ykn waliin barattan akkasumas yeroo hunda wal argitaniif kennu hin irraanfatinaa. Tarii ji’a Onkoloolessaa ykn Sadaasaatti qajeelchaa gargaaraa ta’uuf haala keessan mijeeffachuu dandeessu. Mucaa ykn barataa Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa guddina argisiiseefi duula kanarratti babal’isaa hin cuuphamne ta’ee tajaajiluu danda’u qabdaa? Taanaan, jaarsoliitti himi.
4 Akkaataa Dhiheenyaa: Ergaa kana namoota baay’eedhaan ga’uuf, yaada seensaa gabaabsuun barbaachisaadha. Salphaadhumatti, gaaffiiwwan ja’an fuula jalqabaarratti argaman keessaa tokko gaafachuudhaan deebiisaa tiraakticharraa itti argisiisi. Kana gochuun, babal’istoonni akkaataa dhiheenyaasaanii akka naannoosaaniitiif ta’utti sirreessuuf isaan gargaara. Namni tokko fedhii kan qabu yoo ta’e, yaadannoo qabadhuutii deddeebii gaaffii godhiif. Sanbadduraafi Dilbata tiraaktiin kun barruulee dhiheenyatti ba’anii wajjin raabsamuu danda’a. Duulli kun Onkoloolessa 16 erga xumuramee booda, kitaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu raabsina. Tiraaktiin kun yoo hafe, akkuma tiraaktota kaanii raabsama.
5 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisaa: Tiraaktiin kun, keessumaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf akka nu gargaarutti qophaa’e. Yommuu nama fedhii argisiise tokkoof deddeebii gaaffii gootu, dhugaa Macaafa Qulqulluu isa kamtu si gammachiise? jettee gaafachuu dandeessa. Qophii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf godhame fuula duuba tiraaktichaarraa itti argisiisi; achiis kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu tokko kenniif. Kan danda’amu yoo ta’e, boqonnaa inni filaterraa keeyyata tokko ykn lamarratti maree gabaabaa godhi.
6 Yihowaan warra ‘hafuuraafi dhugaadhaan’ isa waaqeffatan barbaada. (Yoh. 4:23) Hundi keenya duula addaa kanarratti hirmaachuudhaan warri kaan dhugaasaa akka beekan haa gargaarru!