LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/14 ful. 4
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Carraa Argattan Hundatti Itti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Tiraaktii Haaraa Weeb Saayitii Keenya Beeksisutti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Ittiin Lixa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 7/14 ful. 4

Akkaataa Dhiheenyaa

Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya?

Namni haasofsiistan mataduricha arguu akka dandaʼutti, tiraakticha itti argisiisaatii akkas jedhaa: “Akkam jirta? Ergaa barbaachisaa kana himuuf addunyaa maratti duula gochaa jirra. Kuni qooda keeti.”

Tiraakticha namoota mana hin jirreef yoo keessan, bakka namoonni kaan hin argine kaaʼaa; akkasumas karaa sirrii hin taaneen hin dachaasinaa.

Namni haasofsiistan fedhii akka qabu yoo argisiise ykn mariʼachuu yoo barbaade, gaaffiiwwan fuula jalqabaarra jiranirratti ilaalchisaa maal akka taʼe gaafachuu dandeessu. Tiraakticha banaatii, Faarfannaa 119:144, 160 maal akka jedhu itti argisiisaa. Tiraaktichi waaʼee Weeb saayitii Macaafa Qulqulluurraa deebii argachuuf isa gargaaruu odeeffannoo akka qabate ibsaafii. Tarii viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu banuudhaan akka fakkeenyaatti itti argisiisuu dandeessu. Addaan baʼuu keessan dura, gaaffiiwwan sadan duuba tiraaktichaarra jiran itti argisiisaatii, inni caalaatti isa yaaddessu isa kam akka taʼe gaafadhaa. Weeb saayitii jw.org jedhamutti fayyadamuudhaan deebii Macaafni Qulqulluun kennu akkamitti argachuun akka dandaʼamu itti argisiisuuf deebitanii akka dhaqxan itti himaa. Yeroo deebitanii dhaqxan, BIBLE TEACHINGS > BIBLE QUESTIONS ANSWERED jalaa ilaaluudhaan gaaffiisaarratti waliin mariʼadhaa.

Waraqaa afeerrii walgaʼii naannoo keessanii raabsaa kan jirtan yoo taʼes, yeruma tiraakticha isaaf kennitan sanatti kennuudhaan akkas jechuu dandeessu: “Dabalataanis walgaʼii namni kamiyyuu kaffaltii malee irratti argamu tokkorratti akka argamtu waraqaa afeerrii sii kennineerra.”

Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii

“Wanta hunduma keenya tuqu, jechuunis nama jaallatan duʼaan dhabuu ilaalchisee namootaa wajjin mariʼachaa jirra. Michuu jallatan duʼaan dhabuun wanta baayʼee ulfaataa taʼeefi gadda guddaa geessisudha yoo jedhame irratti walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baayʼeen caqasa Macaafa Qulqulluu kanarraa jajjabina argataniiru. [Isaayaas 25:8 dubbisi.] Barruun kun, duuti akka baduufi namoonni jaallatamoon nu jalaa duʼan deebiʼanii akka jiraatan abdii Macaafni Qulqulluun kennu ibsa.”

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii

“Kan nuti dhufne rakkina namoota hedduu mudachaa jiru ilaalchisee sii wajjin marii gabaabaa gochuufidha. Yeroo harʼaa wanta fedheyyuu raawwachuuf yeroon kan nama hin geenye fakkaata. Yeroon kan nutti hirʼatu wanta hojjennu baayʼee waan qabnuufimoo yeroo waan gubnuufidha? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baayʼeen Macaafni Qulqulluun gorsa yeroo qabnutti akka gaariitti fayyadamuuf nu gargaaru akka kennu hin beekan. Mee fakkeenyaaf caqasa kana haa ilaallu. [Filiphisiiyus 1:10a dubbisi.] Barruun kun malawwan namoonni baayʼeen yeroosaaniitti ogummaadhaan fayyadamuuf isaan gargaaran afur ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi