Tiraaktii Haaraa Weeb Saayitii Keenya Beeksisutti Fayyadamaa
Matadureen tiraaktichaa, Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedha. Duuba tiraaktichaarratti gaaffilee sadiitu argama. Haallisaa kan sii heyyamu yoo taʼe, nama haasofsiistu sana gaaffiin xiyyeeffannaa isaa harkise isa kam akka taʼe gaafadhuutii, Weeb saayitii keenyarra BIBLE TEACHINGS > BIBLE QUESTIONS ANSWERED (afaan Oromootiin hin argamu) jalaa akkamitti deebii argachuu akka dandaʼu itti argisiisi. Weeb Saayitii kanarraa gaaffilee, “Mootummaan Waaqayyoo maalidha?” Akkasumas, “Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?” jedhaniifis deebii argachuu dandaʼa.
Macaafni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo jalatti wanta nu eeggatu ilaalchisee maal akka jedhu akka beekan namoota gargaaruuf tiraaktii kana of harkaa hin dhabin.