1914-2014 Bulchiinsa Mootummaa Waggaa Dhibba Tokkoof Ture!
Bara 1922tti Joseef Firaankiliin Raazarfordi, “Kunoo Mootichi moʼeera! . . . Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa” jechuudhaan ija jabinaan dubbatee ture. Wanti inni dubbate kun waggaa 100ffaa bulchiinsa Mootummaa kanaattis hojiidhaaf kan nu kakaasudha. Weeb saayitii keenyatti fayyadamnee namoonni kaan waaʼee Mootummichaa akka baran gargaaruudhaan, jiʼa Hagayyaa kana jiʼa seena qabeessa taʼe gochuuf yaalii haa goonu!