Sagantaa Torban Hagayya 11 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 11 JALQABU
Faarfannaa 38fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 27, key. 16-22 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lak. 7-9 (Daq. 10)
Lakk. 1: Lak. 9:9-23 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 14B Mootummaan Waaqayyoo Fayyina Qaamaa Barabaraa Argamsiisa (Daq. 5)
Lakk. 3: Waaqayyo Rakkina Ilmaan Namootaa Kan Dhabamsiisu Akkamitti?—bh boq. 11, key. 15-21 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: “1914-2014: Bulchiinsa Mootummaa Waggaa Dhibba Tokkoof Ture!” Mariidhaan kan dhihaatu. Keeyyanni jalqaba fuula kanaarra jiru akka dubbifamu godhi. Jiʼa kanatti kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa Mootummicharratti kan xiyyeeffatan taʼu. Qophii gumichi tajaajila dirree ilaalchisee godhe ibsi.
Daq. 10: “Tiraaktii Haaraa Weeb Saayitii Keenya Beeksisutti Fayyadamaa.” Qabiyyee tiraaktichaa ibsi. Babalʼisaan tokko tiraakticha erga kennee booda, meeshaa elektirooniksiitti fayyadamee nama haasofsiisu sanatti jw.org yommuu beeksisu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbachuu.” Mariidhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni lama haala armaan gadii hojiin argisiisaan akka dhiheessan godhi: Babalʼisaan tokko kiliinika keessa bakka dabaree itti eeggatan taaʼee jira. Namni isa bira taaʼe tokko moobaayiliisaatiin raadiyoo dhaggeeffachaa akkas jedha: “Addunyaan kun mancaʼeera! Namni hundumtuu furmaata kennuu akka dandaʼu kan itti dhagaʼamu taʼus, wanti hundinuu caalaatti hammaachaa jira.” Babalʼisichimmoo akkas ofiin jedha: ‘Waan tokko jechuun qaba. Waaʼee Mootummichaa itti himuun qaba!’ Achii namichaan akkas jedha: “Dhugaakee jette, oduu gadhee hedduutu jira. Tiraaktii kana sii kennuu? Weeb saayitiin tiraaktichi beeksisu, gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti kaʼaniif deebii akkan argadhu na gargaareera.” Babalʼisichi tiraakticharraa yaada tokko caqasa; namichis fedhii akka qabu argisiisa.
Faarfannaa 47fi Kadhannaa