Jiini Hagayyaa Jiʼa Sochiin Seena Qabeessa Taʼe Itti Godhamudha!
Addunyaa Maratti Tiraaktii Haaraan Ni Raabsama
1. Mootummichi erga hundeeffamee waggaa 100 guutuuf yeroo jedhutti, addunyaa mararratti duula addaa akkamiitu godhama?
1 Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee waggaa 100 guutuuf jedha. Kanaafuu, duula adda taʼe tokkorratti hirmaachuudhaan Yihowaa jajachuun keenya baayʼee barbaachisaadha! Jiʼa Hagayyaatti tiraaktii haaraa matadureensaa, Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhu addunyaa mararratti raabsuurratti ni hirmaanna. Tiraaktiin kun, namoonni gaaffiiwwansaaniitiif Macaafa Qulqulluurraa deebii akka argatan kan isaan jajjabeessu taʼuusaarrayyuu, Weeb saayitiin jw.org jedhamu akkamitti akka isaan gargaaru ibsa kennaaf.
2. Jiʼa Hagayyaatti ‘sagalee ol fudhannee Waaqayyoon galateeffachuurratti’ hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Sagalee Keessan Ol Fuudhaatii Galteeffadhaa: Babalʼistoonni sochii tajaajilarratti godhan akka guddifatan gargaaruuf, obboloota jiʼa Hagayyaatti qajeelchaa gargaaraa taʼuu barbaadaniif qophiin adda taʼe godhameera. Jiʼa sanatti, babalʼistoonni saʼaatii 30 tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa taʼuu ni dandaʼu. Jiini Hagayyaa, Jimaata, Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, babalʼistoonni guyyoota hojiitti qacaramanii hojjetan ykn barattoota taʼan hedduun qajeelchaa gargaaraa taʼuu ni dandaʼu. Barataa Macaafa Qulqulluu guddina gochaa jiru ykn mucaa babalʼisaa taʼuu barbaadu yoo qabaattan, qindeessaa qaama jaarsolii haasofsiisaa. Babalʼistoota taʼanii jiʼa adda taʼe kanatti, nuu wajjin tajaajiluunsaanii baayʼee kan nama jajjabeessudha! Qajeelchitoonni hedduun saʼaatii waggaatti isaanirraa eegamu erga guuttatanii booda jiʼa Hagayyaatti kan boqotan taʼullee, duula addaa kanarratti guutummaatti hirmaachuuf sagantaasaanii sirreessuu ni dandaʼu taʼa. Maatiiwwan jiʼa Hagayyaatti warra kaanii wajjin ‘sagalee ol fudhatanii Waaqayyoon galateeffachuurratti’ akkamitti hirmaachuu akka dandaʼan yeroon itti mariʼatan ammadha.—Iz. 3:11; Fak. 15:22.
3. Duula adda taʼe kana ilaalchisee maal abdanna?
3 Kanaan dura duula akkasiirratti hirmaannee kan beeknu taʼus, inni ammaa seena qabeessa akka taʼu abdanna. Jiʼa Hagayyaatti isa kanaan duraa caalaa saʼaatii keenya, akkasumas lakkoofsa babalʼistootaafi qajeelchaa gargaaraa guddisuu ni dandeenyaa? Waggaa tajaajilaa 2014 yeroo xumurutti, Yihowaan carraaqqii tajaajiltoonnisaa addunyaa maratti jiʼa Hagayyaa jiʼa lallabaa guddaa gochuuf godhan akka eebbisu hawwina!—Mat. 24:14.