Sagantaa Torban Waxabajjii 9 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 9 JALQABU
Faarfannaa 24fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 24, key. 16-21 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lew. 1-5 (Daq. 10)
Lakk. 1: Lew. 4:16-31 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 10C Namoonni Firootasaanii Du’anii Wajjin Dubbachuu Danda’uu? (Daq. 5)
Lakk. 3: Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?—bh boq. 8, key. 11-23 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 15: Itti Fayyadamuuf Yaaltaniittuu? Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti ba’an kana haasaadhaan gabaabsii dhiheessi: “Mala Tajaajilaa Haaraa Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Dhugaa Ba’uuf Gargaaru” (km 7/13), “Namoota Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Fedhii Hin Qabne Gargaaruu” (km 12/13), akkasumas “Yaada Namoota Yeroo Hunda Barruulee Geessinuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru” (km 1/14). Dhaggeeffattoonni yaadawwan matadureewwan kanarratti baʼan hojiirra oolchuudhaan akkamitti akka faayyadaman yaada akka kennan afeeri. Akkasumas, muuxannoo deddeebii gaaffii gochuudhaan ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuudhaan argatan akka dubbatan afeeri. ‘Akkas gochuuf kan isin kakaase maalidha? Isinii milkaaʼuu kan dandaʼe akkamitti?’ jedhii gaafadhu. Isaan galateeffachuudhaan, akkasumas warri kaanis akkumasaanii akka godhan jajjabeessuudhaan xumuri.
Daq. 15: “Jiini Hagayyaa Jiʼa Sochiin Seena Qabeessa Taʼe Itti Godhamudha!” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Tiraaktiin Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhamu dhaggeeffattoota hundaaf tokko tokko akka kennamu erga gootee booda, qabiyyeesaa gabaabsii ibsi. Naannoo tajaajilaa keessan hojjettanii xumuruuf qophii godhame ibsi.
Faarfannaa 16fi Kadhannaa