Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Tiraaktonni haaraan walgaʼii koonyaarratti baʼan akka gaariitti raabsamaniiru. Tiraaktonni kun birooshuroota duukaa gabaasamuu waan jalqabaniif jiʼa Sadaasaatti walumaa galatti birooshuroonni 55,102 raabsamaniiru. Kun immoo baayʼina birooshuroota Sadaasa 2012tti raabsaman harka afuriin kan caaludha! Akkasumas waajjirri damee keenya naannoowwan duulli addaa itti godhaman qopheessee waan tureef, Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaarraa obboloonni 55 duula kanarratti hirmaachuuf kan gaafatan taʼuunsaa baayʼee nama gammachiisa.