Jaarraa Mootummichi Itti Beeksifame!
1. Gara waggaa 100 dura sabni Yihowaa maal akka godhan jajjabeeffamanii turan?
1 “Kunoo Mootichi moʼeera! Isin immoo warra kana beeksisanidha. Kanaaf, Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa.” Jechoonni obboleessi keenya Raazarfordi gara waggaa 100 dura dubbate kun, sabni Yihowaa ergaa Mootummichaa balʼinaan akka labsan isaan jajjabeessaniiru. Nutis akkuma jajjabeeffamne gooneerra! Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, misiraachoo Mootummichaa “waaqa jalaa uumama hundumaatti” lallabneerra. (Qol. 1:23) Mootummaa Waaqayyoo beeksisuuf jaarraa darbe keessatti maal raawwanneerra? Waggaa 100ffaa hundeeffamasaatti yeroo dhihaachaa jirru kanatti, Mootummicha beeksisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Barreeffamoonni keenya Mootummaa Waaqayyoo kan beeksisan akkamitti?
2 Wanta Kanaan Dura Raawwanne: Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif barreeffamoonni keenya Mootummaa Waaqayyoo beeksisaa turaniiru. Bara 1939 kaasee barruun keenya inni guddaan, mataduree Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhu qabatee baʼuu jalqabe. Barruun kun yeroo baayʼee, waaʼee Mootummichaafi wanta inni raawwatu ibsa. Barruun Dammaqaa! jedhamus, abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe ibsa. Barruuleen kun lamaan, yeroo harʼaatti barruulee addunyaa maratti afaan hedduudhaan qophaaʼaniifi baayʼinaan raabsaman taʼuunsaanii sirriidha!—Mul. 14:6.
3. Mootummicha beeksisuuf malawwan akkamiitti fayyadamneerra?
3 Sabni Yihowaa Mootummicha beeksisuuf karaawwan garaagaraatti fayyadamaa turaniiru. Kanaan dura konkolaataa maayikirofoonii qabu, tamsaasa raadiyoofi foonoograafiitti (meeshaa yeroo sanatti sagalee waraabame ittiin taphachiisan) fayyadamaa turre. Malawwan kanatti fayyadamuun keenya yeroo labsitoonni Mootummichaa muraasa taʼanittillee, misiraachicha namoota baayʼeedhaan gaʼuuf nu gargaareera. (Far. 19:4) Waggoota dhihoodhaa asitti, jw.org irratti odeeffannoo garaagaraa baasuudhaan, warra biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan dabalatee, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanitti misiraachicha labsuu dandeenyeerra.
4. Tajaajila keenyarratti mala addaa akkamiitti fayyadamuu jalqabneerra?
4 Akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Mootummichaa babalʼisuuf malawwan adda taʼanitti fayyadamu. Fakkeenyaaf, walakkeessa bara 1990mmaniitti, manaa gara manaatti qofa utuu hin taʼin, bakka namoonni bashannananitti, bakka konkolaataan dhaabatuttiifi bakka daldalaatti lallabuudhaan tajaajila keenya guddisuu yaalleerra. Dhiheenyattimmoo, magaalota gurguddaa addunyaarratti argaman keessatti bakka namoonni baayʼinaan argamanitti, karaa adda taʼeen lallabuuf haala mijeessineerra. Dabalataanis, gumiiwwan hedduun gaariifi minjaala barreeffama irra kaaʼatanitti fayyadamuudhaan naannoo tajaajilaasaanii keessatti bakka namoonni baayʼinaan argamanitti lallabaa jiru. Tajaajilli manaa gara manaatti goonu hojii keenya isa guddaa waan taʼeef, hojjechuu keenya itti fufna.—HoE. 20:20.
5. Waggaan tajaajilaa haaraan baayʼee keenyaaf carraa akkamii bana?
5 Wanta Gara Fuulduraatti Raawwannu: Jalqaba waggaa tajaajilaa haaraatti jechuunis jiʼa Fulbaanaatti, obboloonni hedduun qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu jalqabu. Isaan keessaa tokko taʼuu dandeessaa? Hin dandeessu yoo taʼe, darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taʼuuhoo ni dandeessaa? Qajeelchaa taʼuu kan dandeessu taatus taʼuu baattus, Yihowaan aarsaa ati Mootummicha beeksisuuf kaffaltu hundaaf akka si eebbisu hin shakkisiisu.—Mil. 3:10.
6. Onkoloolessi 2014 jiʼa addaa kan taʼu maaliifi?
6 Mootummichi erga hundeeffamee Onkoloolessa 2014tti waggaa 100 guuta. Maxxansi sabaa Masaraa Eegumsaa jiʼa sanaa, Mootummaa Waaqayyoorratti kan xiyyeeffatu taʼuunsaa sirriidha. Maxxansa kana hamma sii dandaʼame namoota baayʼeedhaaf raabsuuf maaliif yaalii hin gootu? Yeroo gara fuulduraa hawwiidhaan eeggachaa yeroo jirru kanatti, hundi keenya warra nu dhagaʼanitti ‘waaʼee mootummaa Waaqayyoo misraachoo lallabuu’ keenya itti haa fufnu.—HoE. 8:12.