LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/10 ful. 1
  • Carraa Argattan Hundatti Itti Fayyadamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Carraa Argattan Hundatti Itti Fayyadamaa
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Tiraaktii Haaraa Weeb Saayitii Keenya Beeksisutti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Duula Tiraaktii Addaa Onkoloolessa 20 Hanga Sadaasa 16tti Godhamu!
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Onkoloolessatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 12/10 ful. 1

Carraa Argattan Hundatti Itti Fayyadamaa

1. Tiraaktiin Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu maal gochuuf nu gargaara?

1 Tiraaktiin Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka ittiin jalqabsiisnu yaadamee kan qophaa’edha. Haata’u malee, tiraaktiin kun sanyii dhugaa facaasuufis meeshaa bu’a qabeessa ta’edha. (Lal. 11:6) Yaadawwan tiraaktii kanatti akka gaariitti itti fayyadamuuf nu gargaaran tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru.

2. Tiraaktichatti fayyadamnee maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Maree Jalqabuuf: Nama haasofsiistu tokkoof tiraakticha erga kennitee booda, gaaffiiwwan ja’an fuula jalqabaarra jiran itti argisiisuudhaan, “Gaaffiiwwan kana keessaa isa kamiin gaafattee beekta?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Deebii inni kennu erga dhageessee booda, deebii tiraaktichi gaaffii sanaaf Macaafa Qulqulluurraa kennuufi caqasawwan keeyyaticha keessa jiran keessaa tokko dubbisi. Yaada fuula dhumaarra jiru dubbisi ykn gabaabsii ibsi; achiis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kenniif. Kitaabicha fudhachuu baatuyyuu, tiraaktii kana fudhachuunsaa dhugaan garaasaa keessatti hidda akka godhatu gargaaruu danda’a.—Mat. 13:23.

3. Namni haasofsiisnu hojiidhaan qabameera taanaan maal gochuu dandeenya?

3 Namni Haasofsiisnu Hojiidhaan Qabameera Yoo Ta’ehoo? Akkas jechuu dandeessa: “Yeroon kun siif mijaa’aa waan hin taaneef, tiraaktii kana sii kenneen deema. Tiraaktiin kun gaaffiiwwan baay’een keenya gaafannu ja’a kan caqasu si’a ta’u, tokkoon tokkoonsaaniitiif deebii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kenna. Kana ilaalchisee wanta sitti dhaga’amu yeroo kan biraattan dhufee si gaafadha.”

4. Karaarratti yeroo lallabnu tiraakticha raabsuuf maal jechuu dandeenya?

4 Karaarratti Yeroo Lallabnu: Akkas jechuu dandeessa: “Harka fuune! Gaaffiiwwan kana keessaa tokko of gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Tiraaktiin kun, gaaffiiwwan kanaaf deebii ifaafi quubsaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kenna.” Namni sun hin ariifatu taanaan, tiraaktii sanarraa deebiiwwan gaaffii sanaaf kennaman keessaa isa tokkorratti mari’achuu dandeessu; achiis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kennuufii dandeessa.

5. Al tokko tokko namoota manatti hin argamneef tiraaktii kana maal gochuu dandeenya?

5 Namoota Manatti Hin Argamneef: Naannoowwan tokko tokkotti, babal’istoonni yeroo baay’ee karaa warri kaan hin argineen namoota manatti hin argamneef tiraaktii kana kaa’anii deemu. Gumiin keessan akkas kan godhu yoo ta’e, al tokko tokko tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu maaliif keessaniifii hin deemtan? Yeroo deebitee dhaqxu akkas jechuu dandeessa: “Kanaan dura yeroo mana keessan dhufnee turretti manatti waan si hin arganneef, tiraaktii kana sii keenyee deemnee turre. Gaaffiiwwan kana keessaa isa kamiif deebii argachuu barbaadda?”

6. Tiraaktiin Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu, hojii lallabaa raawwachuuf meeshaa bu’a qabeessa kan ta’e maaliifi?

6 Tiraaktiin Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu, dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa salphaafi ifa ta’een ibsa. Namoota amantiifi aadaa addaddaa qaban hunda kan hawwatudha. Raabsuuf salphaa waan ta’eef, ijoolleenis ta’an babal’istoonni haaraanillee raabsuu ni danda’u. Atoo carraa argatte hundatti tiraaktii kanatti fayyadamaa jirtaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi