Onkoloolessatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Dandeessuu?
1 Onkoloolessatti barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsina. Namoota fedhii qaban deddeebinee gargaaruuf tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu akka isaanii kenninuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka isaan jalqabsiisnu jajjabeeffamneerra. Yommuu deddeebii gaaffii goonu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Tiraaktii Kanatti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?: “Barruuleen sii kennee ture, namoonni akkaataa guddinaafi amantii addaddaa qaban Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan jajjabeessa. [Tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu erga kenniteefii booda, gaaffiiwwan fuula jalqabaarra jiran itti argisiisi.] Gaaffiiwwan rakkisaa ta’aniifi Macaafni Qulqulluun deebiisaanii nuu kennu keessaa tokko tokko asirratti caqasamaniiru. Gaaffiiwwan kana keessaa tokko of gaafattee beektaa?” jechuu dandeenya. Deebii inni kennu dhaggeeffadhu; achiis gaaffii namichaatiif deebii tiraaktichi kennu erga itti argisiistee booda caqasoota kennaman keessaa tokko dubbisiif. Sana booda, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu keessaa yaada tokko qofarratti kan mari’attan ta’uusaa erga itti himtee booda, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kenniif. Achiis boqonnaa qabiyyee kitaabichaarraa filate keessaa keeyyata jalqabaa muraasa waliin mari’achuu dandeessa. Yookiin yaada tiraakticharratti mari’attaniif ibsi bal’aan eessatti akka argamu itti argisiisuu dandeessa. Matadureewwan armaan gadii keessaa tokkotti fayyadamuu dandeessa:
● Dhuguma Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa? (ful. 9-11, key. 6-10)
● Waraanniifi rakkinni ni hafuu? (ful. 12, key. 12-13)
● Yeroo duunu maal taana? (ful. 59-60, key. 7-8)
● Namoonni du’an abdii maalii qabuu? (ful. 71, key. 13-15)
● Waaqayyo akka na dhaga’utti akkamittan kadhachuu qaba? (ful. 166-167, key. 5-8)
● Gammachuu dhugaa argachuu kanan danda’u akkamitti? (ful. 9, key. 4-5)
3 Jalqabarratti deddeebii gaaffii yommuu goonu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamnee qayyabannaa jalqabsiisuuf haallisaa nuuf hin heyyamu taanaan, yeroo hunda beellama qabachuufi maree keenya itti fufuuf qophii gochuu dandeenya. Haala namootaarratti hundaa’uudhaanis kitaaba kana utuu hin beeksisin gaaffiiwwan tiraakticharra jiranitti yeroo addaddaa mari’achuu dandeenya. Tiraaktii gaarii kanatti fayyadamnee Onkoloolessatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuudhaan namoonni garaa qajeelaa qaban ‘dhugaa akka hubatan’ haa gargaarru.—Yoh. 8:31, 32.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Onkoloolessatti maal raabsina?
2. Nama barruulee fudhateef yommuu deddeebii gaaffii goonu, tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamutti fayyadamnee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3. Haalasaarratti hundaa’uudhaan akkaataa dhiheenyaa keenya jijijjiiruu kan dandeenyu akkamitti?