LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/08 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaailaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaailaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Fulbaana 8 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 15 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 22 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 29 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2008
km 9/08 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaailaa

Yaadachiisa: Torban Walga’iin koonyaa godhamu hundaatti Tajaajila Mootummaarratti Sagantaan Walga’ii Tajaajilaa ni ba’a. Gumiiwwan Walga’ii Koonyaa “Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu” jedhurratti yommuu hirmaatan sirreeffama barbaachisu gochuu danda’u. Barbaachisaa yoo ta’e, Walga’ii Tajaajilaa torban walga’ii koonyaa dura jirurraa daqiiqaa 15 fudhattanii, miiltoo Tajaajila Mootummaa ji’a sanaarra jiru keessaa gorsaafi yaadachiisa gumii keessaniif barbaachisu dhiheessuu dandeessu. Walga’iin koonyaa erga godhamee ji’a tokko ykn lama booda, daqiiqaa 15 hanga 20 ramaduudhaan (tarii sagantaa akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa) jedhutti gargaaramuudhaan, babal’istoonni yaadawwan walga’ii koonyaarratti dhihaataniifi tajaajilasaaniitiif gaarii ta’ee argatan akka irra deebi’an qophii godhaa. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa irra deebii kana geggeessuu qaba. Dhaggeeffattoonni barumsa kana tajaajilarratti akkamitti itti fayyadamaa akka jiran ykn akkamitti itti fayyadamuuf akka yaadan akka dubbatan afeeri.

Torban Fulbaana 8 Jalqabu

Faarfannaa 4 (43)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Barreeffamoota dhiheenya ba’an keessaa matadureen isa kamtu naannoo tajaajilaasaaniitiif caalaatti mijaa’aa akka ta’e akka dubbatan gaafadhu. Mataduree kana beeksisuuf gaaffiiwwaniifi caqasawwan warra kamitti akka fayyadaman gaafadhu. Barruulee kana akkamitti raabsuun akka danda’amu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Barsiistota akka ta’an Gargaaraa. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2007, fuula 14-15, keeyyata 14-18⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu. Babal’isaan tokko barataa Macaafa Qulqulluu waa’ee haasawaa sabaafi qayyabannaa Masaraa Eegumsaa erga itti himee booda yommuu isa afeeru kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.

Daq. 20: Jibba Tajaajila Keenyarratti Nu Mudatu Mo’uu. Jibbi tajaajila keenyarratti dhiibbaa akkamii geessisuu akka danda’u, barreeffamoota keenyarratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu. Jibba akkasii mo’uun akkamitti akka danda’amu ibsi. Yeroo tokko tokko amalli tajaajilarrattis ta’e sochiiwwan jireenya keenyaa addaddaarratti argisiisnu, jibba akkasii mo’uufis ta’e namoonni nu jibban dhugaa akka fudhatan gochuu danda’a. Kanaafuu, yeroo hunda wanta dubbannuufis ta’e amala keenyaaf ofeeggannoo gochuun barbaachisaadha. (1 Phe. 2:12; 3:1, 2) Muuxannoowwan gumiirraa ykn barreeffamootarraa argamaniifi akkamitti jibba mo’uun akka danda’amu argisiisan muraasa dubbadhu.

Faarfannaa 15 (127)

Torban Fulbaana 15 Jalqabu

Faarfannaa 26 (212)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.

Daq. 20: Waggaa Darbetti Maal Raawwanne? Ilaaltuu olaanaa tajaajilaa ykn jaarsa ga’eessa ta’een haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Wantoota gaggaarii raawwatamanirratti xiyyeeffachuudhaan, sochiiwwan gumichi waggaa darbe tajaajilarratti godhe irra deebi’i. Galateeffadhu. Babal’isaan tokko ykn lama muuxannoowwan nama jajjabeessaniifi tajaajilarratti argatan akka dubbatan dursii qopheessi. Wanta gumichi waggaa dhufutti fooyyessuu qabu tokko ykn lama dubbadhu; yaadawwan fooyya’iinsa kana gochuuf gargaaran ibsi.

Daq. 15: Uumaatti Akkan Amanu Ragaa Dhiheessuu Kanan Danda’u Akkamitti? Yaadawwan barreeffamootarratti ba’anirratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn iddoo garabiraatti Uumaatti akka amanan ragaa kan dhiheessan akkamitti akka ta’e akka dubbatan afeeri. Namoonni yaada kennan tokko ykn lama dursanii qopheeffamuu danda’u.

Faarfannaa 7 (51)

Torban Fulbaana 22 Jalqabu

Faarfannaa 6 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Ijoo Gabaasa Tajaajilla ji’a Caamsaafi sochii tajaajilaa gumii keessaniirratti mari’adhaa.

Daq. 20: Gatii Dadhabbii Keessanii Ni Argattu. Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2005 fuula 28, keeyyata 5 hanga dhuma fuula 29⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu [Amaariffaa]. Yihowaan karaa foonii ykn karaa miiraa wanta isaan barbaachisu akkamitti akka isaanii guute babal’istoota hinaaffaadhaan hojjetan tokko ykn lamaaf gaafannoo gabaabaa godhi.

Daq. 15: Masaraa Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaa! Hagayyaa raabsuuf qophaa’aa. Barruulee kanarratti ibsa gabaabaa erga kennitee booda, dhaggeeffattoonni matadureewwan warri kam caalaatti naannoo tajaajilaasaaniitiif mijaa’aa akka ta’an gaafadhu. Matadureewwan kana beeksisuuf caqasawwaniifi gaaffiiwwan kamitti fayyadamuutu danda’ama? Akkaataawwan dhiheenya Tajaajila Mootummaarra jiranitti akkamitti fayyadamuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi. Jaarsi tokko, mataduree naannoo tajaajilaa sanaaf mijaa’aa ta’etti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisa gabaabaa akka dhiheessu godhi.

Faarfannaa 26 (212)

Torban Fulbaana 29 Jalqabu

Faarfannaa 6 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi. Yeroo boqonnaatti ykn ji’oottan darbanitti karaa alidilee ta’een akkamitti akka dhugaa ba’an muuxannoo argatan akka dubbatan babal’isaa tokko ykn lama dursii qopheessi.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Duula Tiraaktii Addaa Onkoloolessa 20 Hanga Sadaasa 16⁠tti Godhamu” Tiraaktonni kun isin ga’aniiru yoo ta’e, dhaggeeffattoota hundaaf tokko tokko kenni. Keeyyata 2⁠ffaarratti yommuu mari’attan yaada tiraaktichaa gabaabaatti irra deebi’i. Keeyyata 4⁠rratti yommuu mari’attan, tiraaktii kana akkamitti raabsuun akka danda’amu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Keeyyata 5⁠ffaarratti yommuu mari’attan, babal’isaan tokko yommuu deddeebii gaaffii godhu tiraaktii kanatti fayyadamee akkamitti qayyabanna Macaafa Qulqulluu akka jalqabsiisu kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 29 (222)

Torban Onkoloolessa 6 Jalqabu

Faarfannaa 2 (15)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Saanduqa Gaaffii. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2005, fuula 20-22, keeyyata 10-16⁠rraa yaada tokko tokko dabali dhiheessi [Amaariffa].

Daq. 20: “Warri Kaan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisi.” Yeroo qabaannaan, dhaggeeffattoonni caqasoota yaannisaanii hin kennamnerratti akka yaada kennan afeeri.

Faarfannaa 13 (124)

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi