LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/12 ful. 2-3
  • Misiraachicha Babalʼisuuf Tiraaktotatti Fayyadamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Misiraachicha Babalʼisuuf Tiraaktotatti Fayyadamaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tiraaktota Bifa Haaraatiin Qophaaʼan!
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataatti Fayyadamaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Tiraaktiitti Fayyadamtanii Marii Jalqabuu kan Dandeessan Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Ittiin Lixa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Tajaajila Mootummaa—2012
km 10/12 ful. 2-3

Misiraachicha Babalʼisuuf Tiraaktotatti Fayyadamaa

1. Sabni Waaqayyoo tiraaktotatti fayyadamaa kan turan akkamitti?

1 Sabni Yihowaa tiraaktotatti fayyadamanii misiraachoo babalʼisuu erga jalqabanii waggoonni hedduun darbaniiru. Bara 1880, obboleessi keenya Raasiliifi michoonnisaa Tiraaktota Bartoota Macaafa Qulqulluu [Ingiliffa] maxxansuu jalqaban; namoonni Masaraa Eegumsaa dubbisan tiraaktota kana namootaaf raabsu turan. Obboleessi keenya Raasil bara 1884⁠tti, korporeeshinii fedhii Mootummichaa ittiin babaliʼisuuf isaan gargaaru yommuu seeraan galmeessise, jecha “Tiraaktii” jedhu maqaa jaarmiyichaa keessa akka galu gochuunsaa tiraaktonni faayidaa guddaa akka qaban argisiisu. Jaarmiyaan bara sana Zaayansi Wooch Taawar Tiraakti Soosaayitii jedhamuudhaan beekamu, yeroo ammaatti maqaa Wooch Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii jedhamuudhaan beekama. Bartoonni Macaafa Qulqulluu hanga bara 1918⁠tti tiraaktota miliyoona 300 ol taʼan raabsaniiru. Yeroo ammaattis tiraaktonni barreeffamoota karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuuf gargaaran taʼanii tajaajiluusaanii itti fufaniiru.

2. Tiraaktonni buʼa qabeessa kan taʼan maaliifi?

2 Buʼa Qabeessa Kan Taʼan Maaliifi? Tiraaktonni halluu hedduu kan qabaniifi ija namaa kan hawwatanidha. Ergaa gabaabaan isaan qabatan kan namatti tolaniifi beekumsa kan namaaf dabalanidha. Namoonni barruulee ykn kitaaba fudhachuu sodaatanillee tiraaktii fudhachuu dandaʼu. Tiraaktota raabsuun salphaa waan taʼeef, babalʼistoonni haaraaniifi ijoolleenillee raabsuu ni dandaʼu. Kana malees, tiraaktonni xixinnoo waan taʼaniif qabachuun nama hin rakkisu.

3. Faayidaa tiraaktiin qabu ilaalchisee muuxannoo dhuunfaa ykn barreeffamarratti baʼe dubbadhu.

3 Namoonni hedduun yeroo jalqabaatiif dhugaa kan baran karaa tiraaktiiti. Fakkeenyaaf, dubartiin biyya Heeyitii tokko tiraaktii keenya karaarratti gatamee argite. Lafaa fuutee erga dubbistee booda, “Amma dhugaa argadheera!” jechuudhaan dubbatte. Yeroo boodas gara Galma Mootummaa kan dhaqxe siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde; achiis ni cuuphamte; kun hundumtuu kan taʼe humna Dubbii Waaqayyo tiraaktii tokko keessatti argamuun kan kaʼedha.

4. Tiraaktonni, barreeffama jiʼa sanatti raabsaman yeroo taʼanitti kaayyoon keenya maalidha?

4 Manaa Gara Manaa: Tiraaktonni barreeffamoota akka gaariitti dhugaa baʼuuf gargaaran waan taʼaniif, jiʼa Sadaasaatii jalqabee tiraaktiin barreeffamoota darbee darbee jiʼa keessatti raabsaman keessaa tokko taʼee tajaajila. Yeroo kanatti kaayyoon keenya tiraaktii kennuu qofa utuu hin taʼin, tiraaktichatti fayyadamnee maree jalqabuudha. Namoonni jalqaba yeroo haasofsiisnu ykn deddeebii gaaffii yeroo goonutti fedhii yoo argisiisan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti ykn barreeffama ittiin qayyabsiisuuf gargaaru kan biraatti fayyadamuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeenya. Manaa gara manaa yeroo tajaajillu tiraaktota raabsuu kan dandeenyu akkamitti? Tiraaktiin hundi addadda waan taʼaniif, tiraaktii raabsuuf yaannu hunda yaadasaa beekuu qabna.

5. Tiraaktota manaa gara manaatti raabsuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Akkaataan dhiheenyaa keenya naannoo tajaajilaa keenyaafis taʼe tiraaktii itti fayyadamnuu wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Nama haasofsiisnu sanatti tiraaktii kennuudhaan maree jalqabuu dandeenya. Fakkii bareedaan irra keessaan mulʼatu fedhiisaa kakaasuu dandaʼa. Yookiin tiraaktota hedduu itti argisiisuudhaan kan barbaade akka filatu gochuu dandeenya. Naannoo tajaajilaa namoonni balbalasaanii banuu sodaatanitti manaa gara manaa kan tajaajillu yoo taʼe, tiraaktii sana irra keessaan karaa nama sanatti mulʼachuu dandaʼuun qabuu ykn balbala jalaan isaaf kenninee ilaalcha inni qabu beekuu akka barbaannu itti himuu dandeenya. Matadureen tiraaktichaa gaaffii yoo taʼe, gaaffii sana ilaalchisee yaada inni qabu gaafachuu dandeenya. Yookiin gaaffii fedhiisaa kakaasuufi maree gochuuf nu dandeessisu kan biraa isa gaafachuu dandeenya. Achiis nama sanaa wajjin tiraakticharraa yaada muraasa dubbisuudhaan, yaada achirra jiru ilaalchisee gaaffii gaafachuufi ilaalcha qabu akka dubbatu isa afeeruu dandeenya. Caqasoonni ijoo taʼanis Macaafa Qulqulluurraa dubbifamuu dandaʼu. Tiraakticharratti hamma tokko erga mariʼannee booda, guyyaa deebinee itti dhaqnu ilaalchisee beellama murtaaʼaa qabachuudhaan maree sana xumuruu dandeenya. Gumiin keessan namoota manatti hin argamneef barreeffama kan kaaʼu yoo taʼe, bakka namni manicha keessa jiraatu qofti arguu dandaʼu kaaʼuu qabna.

6. Karaarratti yommuu lallabnu tiraaktotatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Karaarratti Lallabuu: Karaarratti yeroo lallabdan tiraaktotatti ni fayyadamtuu? Namoonni karaarra darban tokko tokko waan ariifataniif dhaabatanii nu wajjin mariʼachuu hin dandaʼan taʼa. Yeroo kanatti fedhii qabaachuuf dhiisuusaanii murteessuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti dubbisuuf dhiisuusaanii utuu hin beekin barruulee haaraa isaaniif kennuu mannaa, maaliif tiraaktii hin kennitaniif? Qollisaa waan namatti toluufi ergaansaa gabaabaa waan taʼeef, fedhiin beekuuf qaban daqiiqaa muraasa yeroo argatanitti tiraakticha akka dubbisan isaan kakaasuu dandaʼa. Hin ariifatan taanaan garuu, tiraakticharraa yaadawwan muraasarratti mariʼachuu dandeenya.

7. Muuxannoo karaa alidilee taʼeen yeroo lallaban tiraaktotatti akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamu argisiisan dubbadhu.

7 Karaa Alidilee Taʼeen Lallabuu: Karaa alidilee taʼeen lallabuuf tiraaktotatti fayyadamuun salphaadha. Obboleessi tokko yeroo manaa baʼu hundatti tiraaktota kiisiisaa keessa kaaʼatee deema. Yeroo namootaa wajjin wal argu, jechuunis nama suuqii keessaa gurguru wajjin yeroo wal argu, wanta dubbifamu tokko akka isaaf kennuu itti himuudhaan tiraaktii kennaaf. Hiriyoonni gaaʼelaa biyya ilaaluuf gara Niiwu Yoorki deeman tokkos, namoota biyyoota garaagaraatii dhufanii wajjin wal arguu akka dandaʼan hubatanii turan. Kanaaf buukleetii Misiraachoo Saba Hundaaf Taʼu jedhamuufi tiraaktota afaan addaddaatiin qophaaʼan fudhatanii deeman. Kanaaf, nama afaan biyya alaa dubbatuufi karaarratti waa gurguru ykn nama paarkiitti isaan bira taaʼu ykn mana nyaataatti isaanitti dhihoo taaʼe yeroo argan tiraaktii afaansaatiin qophaaʼe kennuuf turan.

8. Tiraaktonni sanyiitti kan fakkeeffaman karaa kamiini?

8 ‘Sanyiikee Facaasi’: Tiraaktonni sanyiitti fakkeeffamuu dandaʼu. Qonnaan bulaan tokko sanyiin inni kam akka biqiluu waan hin beekneef sanyiisaa akkasumatti facaasa. Lallabni 11:6 akkas jedha: “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu taʼa.” Kanaaf, barreeffama baayʼee buʼa qabeessa taʼe kanatti fayyadamuudhaan ‘beekumsa facaasuu’ keenya itti haa fufnu.—Fak. 15:7.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 3⁠rra jiru]

Tiraaktonni barreeffamoota akka gaariitti dhugaa baʼuuf gargaaran waan taʼaniif, jiʼa Sadaasaatii jalqabee barreeffamoota darbee darbee jiʼa keessatti raabsaman taʼu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi