LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Amajjii ful. 8
  • Tiraaktiitti Fayyadamtanii Marii Jalqabuu kan Dandeessan Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tiraaktiitti Fayyadamtanii Marii Jalqabuu kan Dandeessan Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tiraaktota Bifa Haaraatiin Qophaaʼan!
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Maree Fakkeenya Taʼutti Fayyadamuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Misiraachicha Babalʼisuuf Tiraaktotatti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Maree Fakkeenya Taʼu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Amajjii ful. 8
Obboleettiin takka buufata atoobisiitti karaa al idilee taʼeen tiraaktii ‘Rakkinni Ni Badaa?’ jedhutti fayyadamtee dubartii takkaaf dhugaa baʼaa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Tiraaktiitti Fayyadamtanii Marii Jalqabuu kan Dandeessan Akkamitti?

Amajjii 2018tii eegalee, fuulli jalqabaa Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa mariiwwan fakkeenya taʼan qabatee baʼuu jalqabeera. Akkasumaan barreeffama kennuu mannaa namootaa wajjin marii jalqabuu irratti akka xiyyeeffannu jajjabeeffamaa jirra. Babalʼistoonni akkuma haala isaatti akkaataa dhiheenyaa isaanii akka jijijjiiran gargaaruuf, viidiyoowwan maree fakkeenya taʼu qabatanii fi Kitaaba Qulqulluutti qofa fayyadamanii akkamitti marii jalqabuun akka dandaʼamu ibsan qophaaʼaa jiru. Kana jechuun garuu yeroo manaa gara manaa lallabnutti barreeffamootatti fayyadamuu hin qabnu jechuu dhaa? Lakki! Fakkeenyaaf, tiraaktonni karaa buʼa qabeessa taʼeen marii jalqabuuf nu gargaaruu dandaʼu. Tiraaktii kam iyyuu mala armaan gadiitti argamuun fayyadamnee namootaaf kennuu dandeenya:

  1. Gaaffiiwwan deebii filannoo gara garaa qabanii fi fuula jalqabaa irra jiranitti fayyadamaa.

  2. Deebii Kitaabni Qulqulluun kennuu fi jalqaba fuula lammaffaa irra jiru itti argisiisaa. Yoo yeroo qabaattan, odeeffannoo tiraakticha keessa jiran dubbisaatii irratti mariʼadhaa.

  3. Tiraakticha nama haasofsiistaniif kennaa, isa hafe immoo yeroo isaaf mijatetti akka dubbisu isa jajjabeessaa.

  4. Deemuu keessan dura, mata duree “Wantoota Kanarratti Yaadi” jedhu itti argisiisaatii yeroo itti aanu deebii Kitaabni Qulqulluun kennu irratti mariʼachuuf haala mijeessaa.

Qabiyyeen tiraaktii ‘Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?’ jedhu lakkoofsota tokko hanga afuriin argisiifamaa jira.

Deebitanii yommuu dhaqxan, deebii isaa irratti mariʼadhaa; akkasumas gaaffii kan biraa yeroo itti aanu irratti mariʼattan gaafadhaa. Gaaffii weebsaayitii keenya irra jirutti ykn fuula dhumaa barreeffamoota keenya irra jirutti fayyadamuu dandeessu. Yeroo sirrii taʼetti, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu ykn barreeffama Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko kennaafii.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi