LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Waxabajjii ful. 8
  • Maree Fakkeenya Taʼutti Fayyadamuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maree Fakkeenya Taʼutti Fayyadamuu kan Dandeenyu Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maree Fakkeenya Taʼu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Maree Fakkeenya Ta’utti Fayyadamuu kan Qabnu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Tiraaktiitti Fayyadamtanii Marii Jalqabuu kan Dandeessan Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Maree Fakkeenya Taʼu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Waxabajjii ful. 8

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Maree Fakkeenya Taʼutti Fayyadamuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Amajjii 2018 eegalee mareewwan fakkeenya taʼan, fuula jalqabaa Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti baʼaa jiru. Itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Obboleettiin takka walgaʼii torban gidduu godhamu irratti kutaa barataa dhiheessaa jirti.

Kutaa Bartootaa Yommuu Dhiheessinu: Yommuu kutaa bartootaa dhiheessinu gaaffii ittiin lixaa, caqasaa fi gaaffii yeroo itti aanutti mariʼachuuf kaasnutti fayyadamuu qabna. Kana jechuun garuu wanta viidiyoo maree fakkeenya taʼu irra jiru hunda akkuma jirutti itti fayyadamuu qabna jechuu miti. Yoomessa, seensa, ragaa dhiheessinuu fi wantoota kaan akka barbaannutti sisirreessuu dandeenya. Qajeelfamni barreeffama akka kenninu dubbatu yoo jiraachuu baate illee, Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessaa barreeffama tokko kennuu dandeenya.

Obboleettiin sun tajaajila irratti dubartii takkaaf caqasa dubbisaa jirti.

Tajaajila Irratti: Mareewwan fakkeenya taʼan yaadawwan tajaajila irratti itti fayyadamuu dandeenyu akka argannuuf kan qophaaʼanidha. Namni haasofsiifnu tokko yoo fedhii qabaatee fi wanta dabalataa beekuu yoo barbaade marii keenya itti fufuu dandeenya; barbaachisaa yoo taʼe marii keenya itti fufuuf yaada maree deddeebii gaaffii irra jiru fayyadamuu dandeenya. Maree fakkeenya taʼu sana akka nuuf taʼutti sisirreessuu ykn guutummaatti jijjiirree yaada kan biraatti fayyadamuu dandeenya. Mata dureen maxxansa darbe irratti baʼe ykn caqasni namoota naannoo keenyaa caalaatti hawwatu kan biraan jiraa? Xiyyeeffannaa namoota naannoo keenyaa kan hawwatu oduu dubbatame ykn taʼee dhiheenya kanatti uumame tokkodhaa? Maree fakkeenya taʼu karaa adda addaatiin itti fayyadamuu dandeenya; haa taʼu malee, kaayyoon keenya ‘misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jennee waan hundumaa gochuu’ taʼuu qaba.—1Qo 9:22, 23.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi