AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Maree Fakkeenya Taʼutti Fayyadamuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Amajjii 2018 eegalee mareewwan fakkeenya taʼan, fuula jalqabaa Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti baʼaa jiru. Itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
Kutaa Bartootaa Yommuu Dhiheessinu: Yommuu kutaa bartootaa dhiheessinu gaaffii ittiin lixaa, caqasaa fi gaaffii yeroo itti aanutti mariʼachuuf kaasnutti fayyadamuu qabna. Kana jechuun garuu wanta viidiyoo maree fakkeenya taʼu irra jiru hunda akkuma jirutti itti fayyadamuu qabna jechuu miti. Yoomessa, seensa, ragaa dhiheessinuu fi wantoota kaan akka barbaannutti sisirreessuu dandeenya. Qajeelfamni barreeffama akka kenninu dubbatu yoo jiraachuu baate illee, Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessaa barreeffama tokko kennuu dandeenya.
Tajaajila Irratti: Mareewwan fakkeenya taʼan yaadawwan tajaajila irratti itti fayyadamuu dandeenyu akka argannuuf kan qophaaʼanidha. Namni haasofsiifnu tokko yoo fedhii qabaatee fi wanta dabalataa beekuu yoo barbaade marii keenya itti fufuu dandeenya; barbaachisaa yoo taʼe marii keenya itti fufuuf yaada maree deddeebii gaaffii irra jiru fayyadamuu dandeenya. Maree fakkeenya taʼu sana akka nuuf taʼutti sisirreessuu ykn guutummaatti jijjiirree yaada kan biraatti fayyadamuu dandeenya. Mata dureen maxxansa darbe irratti baʼe ykn caqasni namoota naannoo keenyaa caalaatti hawwatu kan biraan jiraa? Xiyyeeffannaa namoota naannoo keenyaa kan hawwatu oduu dubbatame ykn taʼee dhiheenya kanatti uumame tokkodhaa? Maree fakkeenya taʼu karaa adda addaatiin itti fayyadamuu dandeenya; haa taʼu malee, kaayyoon keenya ‘misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jennee waan hundumaa gochuu’ taʼuu qaba.—1Qo 9:22, 23.