Tiraaktota Bifa Haaraatiin Qophaaʼan!
1. Meeshaaleen tajaajilaaf nu gargaaraniifi bifa haaraadhaan qophaaʼan warra kamfaʼi?
Walgaʼii koonyaa 2013, mataduree, ‘Dubbiin Waaqayyoo Dhugaadha!’ jedhu qaburratti, tiraaktonni haaraan shan baʼanii turan. Oduun Mootummichaa Lakk. 38fi mataduree, “Namoonni Duʼan Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼuu?” jedhu qabus tiraaktota kana faana baʼee ture. Akkaataan tiraaktonni kun jaʼan itti qophaaʼan baayʼee kan namatti toludha. Bifa haaraatiin qopheessuun kan barbaachise maaliifi? Tiraaktota kana manaa gara manaatti ennaa raabsinu, akkaataa dhiheenyaa isaan qabanitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Tiraaktota bifa haaraa qaban qopheessuun kan barbaachise maaliifi?
2 Bifa Haaraatiin Qopheessuun Kan Barbaachise Maaliifi? Tajaajila manaa gara manaarratti milkaaʼina argachuuf wantoota arfan armaan gaditti argaman gochuu qabna: (1) Gaaffii ilaalchaa maree jalqabuuf si gargaaru tokko gaafadhu. (2) Macaafa Qulqulluurra caqasa tokko dubbisiif. (3) Barreeffama inni dubbisu kenniif. (4) Gaaffii yommuu deebitee dhaqxu deebistu tokko gaafadhu, akkasumas deddeebii gaaffiitiif beellama qabadhu. Tiraaktonni bifa haaraatiin qophaaʼan kun, qabxiiwwan kana salphaatti hordofuuf nu gargaaru.
3. Tajaajilarratti tiraaktota haaraatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Akkamitti Itti Fayyadamuu Dandeenya? (1) Nagaa erga gaafattee booda, gaaffii xiyyeeffannaa namaa harkisu, filannaa addaddaa qabuufi jalqaba fuula tiraaktichaarra jiru itti argisiisi. (2) Tiraakticha banuudhaan, yaada mataduree, “Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu jala jiru waliin dubbisaa. Haallisaa mijataa yoo taʼe, caqasa caqasame kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisi. Namni ati haasofsiisaa jirtu sun yeroo qaba taanaan, Mataduree, “Kana Beekuun Faayidaa Maalii Siif Argamsiisa?” jedhurratti waliin mariʼadhaa. (3) Tiraakticha kenniifiitii yeroo isaaf mijatutti guutummaasaa akka dubbisu itti himi. (4) Deemuukee dura, duuba tiraaktichaarraa, gaaffii mataduree, “Wantoota Kanarratti Yaadi” jedhu jala jiru itti argisiisuudhaan yeroo ittaanu irratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
4. Deddeebii gaaffii yommuu goonu tiraaktota haaraatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Deddeebii gaaffii gochuunis salphaadha. Yommuu deebitee deemtu, gaaffii yommuu jalqaba wal argitan kaasteef deebii kennuuf caqasoota duuba tiraaktichaarratti argamanitti fayyadami. Deemuukee dura, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamuufi tiraaktichaarra jiru itti argisiisuudhaan, mataduree gaaffii kaʼe balʼinaan ibsu itti argisiisiitii birooshuricha kenniif. Yoo inni birooshuricha fudhate, yeroo deebitee deemtu irratti mariʼachuuf haala mijeessi. Kana jechuun qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisteetta jechuudha! Yookiinimmoo, birooshuricha kennuufii mannaa, tiraaktii kan biraa isaaf kennuudhaan yommuu deebitee dhaqxu irratti mariʼachuu akka dandeessaniif haala mijeessi.
5. Tiraaktonni tajaajila keenyarratti faayidaa akkamii qabu?
5 Waggoota 130f tajaajila keenyarratti tiraaktotatti fayyadamneerra. Hangaafi qabiyyeensaanii garaagara taʼus, meeshaalee gaarii dhugaa baʼuuf gargaaran taʼaniiru. Barumsa Macaafa Qulqulluu addunyaa maratti labsuu keenya itti fufuuf tiraaktota haaraa kanatti sirriitti haa fayyadamnu.—Fak. 15:7a.