Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Fulbaana 11 Jalqabu
Faarfannaa 32 (70)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Hundumtuu viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti? jedhamu maree torban Walga’ii Tajaajilaa Fulbaana 25 godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Hagayya 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko, namoota maree dhaabsisuuf jecha “Ani amantii mataakootii qaba” jedhaniif deebii maalii akka laannu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 18-19 ilaali.
Daq. 20: Walga’ii Tajaajilaafi Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Faayidaa Argachuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, ful. 64 hanga mataduree xiqqaa ful. 69rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Faarfannaa 93 (211) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 18 Jalqabu
Faarfannaa 95 (213)
Daq. 8: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Waraqaan afeerraa addaa walga’ii koonyaa ilaalchisee qophaa’e, walga’ichi utuu hin ga’in torban sadii dura raabsuu akka qaban yaadachiisi.—km 4/06 ful. 4 ilaali.
Daq. 15: Waggaa Darbeetti Maal Raawwanne? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa sochii gaarii godhamerratti xiyyeeffachuudhaan tajaajila waggaa darbee irra deebi’a. Sochii tajaajilaa gumichi godheef galateeffadhu. Waggaa dhufu wanta gumichi irratti xiyyeeffachuu qabu tokko ykn lama caqasi. Sochii qajeelchitootaa caqasiitii, hojii gaarii raawwataniif isaan galateeffadhu. Obboloota karaa sochii hafuuraa dadhabanii turan jajjabeessuuf tattaaffii taasifameen bu’aa argame dubbadhu.
Daq. 22: “Duula Addaa Onkoloolessa 16–Sadaasa 12tti Godhamu!” Marii miira ho’aa ta’een jaarsi gumii dhiheessu. Beeksisa xalayaa Waxabajjii 6, 2006, qaama jaarsoliitiif ergamerra jiru erga dubbistee booda, namoota walga’icharratti argamaniif tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lak. 37 koppiin tokko tokko akka kennamu godhi. Sana booda gaaffiifi deebiidhaan irratti mari’adhaa. Qophii gumichi naannoo tajaajilaa waliin ga’uuf godhe dubbadhu. Duula geggeeffamu kanarratti babal’istoonni hundi akka hirmaatan jajjabeessi. Hojiin argisiisni gabaabaa ta’e tokko akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 24 (50) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 25 Jalqabu
Faarfannaa 49 (114)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi. Mataduree “Dammaqaa! Adda Ta’e Raabsuu” jedhurraa qabxiiwwan ijoo ta’an dhiheessi. (km 8/06 ful. 4 ilaali.) Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 15fi Dammaqaan! Fulbaana 2006, karaadhaa gara karaatti yommuu tajaajillu akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 25: “Viidiyoo Xiyyeeffannaan Kennamuufii Qabu.”* Keeyyata 1rratti si’a mari’attan, obboloonni viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti? jedhamu ilaalchisee wanta isaanitti dhaga’amu yaada mataasaanii akka ibsan gaafadhu. Achii booda gaaffilee key. 2-7 jiranirratti mari’adhaa. Dhumarrattis maatiiwwan waliin ta’uudhaan viidiyoo DVD matadureensaa Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhu akka ilaalan jajjabeessi.
Daq. 5: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Obboloonni kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yeroo raabsan, keessumaa battaluma haasofsiisaniin qayyabannaa kan jalqabsiisan yoo jiraatan muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Muuxannoowwan ba’eessa argaman lama ykn tokko hojiin argisiisaan akka dhihaatan godhi.
Faarfannaa 82 (183) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Onkoloolessa 2 Jalqabu
Faarfannaa 23 (48)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Mataduree “Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa” jedhurraa qabxiiwwan hojiirra ooluu qaban itti dabalii dhiheessi.
Daq. 18: Mataduree “Yihowaa Eeggadhaa” jedhurratti mari’adhaa.
Daq. 17: “Manaa Gara Manaatti Tajaajiluu.”a Yeroo qabaannaan, dhaggeeffattoonni caqasawwan yaannisaanii hin ibsaminirratti yaada akka kennaniif afeeri.
Faarfannaa 51 (127) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
a Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.