‘Qabeenya Biyya Lafaa Isa Hin Amansiifne Kanaan Firoota Baafadhaa’
“Qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa! . . . waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan ta’e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta’a.”—LUQAAS 16:9,10.
1 Israa’eloota dinqiidhaan kan biyya Gibxii baase Yihowaa isa hundumaa danda’u malee, nama akka hin taane beekuun keenya amantii keenya kan jabeessu mitii? Museefi Israa’eloonni akkas jedhanii faarfachuunsaanii kan nama ajaa’ibsiisu miti: “Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta’eera; inni Waaqayyo koo ti, ani isa nan jajadha; Waaqayyo isa kan abbaa kootii ti, ani isa ol ol nan qaba.”—Ba’uu 15:1, 2; Keessa Deebii 29:2.
2 Bilisummaa Israa’eloonni amma argatan, haala yeroo Gibxii keessa turanirraa baay’ee adda ture! Amma rakkoo tokko malee Yihowaa Waaqeffachuu danda’u. Yeroo Gibxii ba’anis harkasaanii qullaa hin turre. Museen akkas jedhe ture: “Israa’eloonni, . . . mi’a meetii fi warqee irraa hojjetaman, uffatas warra Gibxii irraa argachuuf in gaafatan. Waaqayyo wanta jarri gaafatan akka isaan kennaniifitti, jarri warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalaman in godhe; akkasitti jarri warra Gibxii irraa guur[r]atanii in ba’an.” (Ba’uu 12:35, 36) Haata’u malee, qabeenya biyya Gibxii argatan kana akkamitti itti fayyadaman? Yihowaa ‘ol ol gochuuf’ itti fayyadamaniiruu? Fakkeenyasaaniirraa barumsa maalii arganna?—1 Qorontos 10:11 wajjin wal bira qabii ilaali.
‘Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu’
3 Yeroo Museen Yihowaarraa qajeelfama fudhachuuf guyyaa 40f Tulluu Siinaarra ture, sabni sun obsa dhabee ture. Amartii warqee gurra isaaniittii baasuudhaan bifa fakkeenyaa waaqeffannaadhaaf ta’u akka isaanii hojjetuuf Aaroniin gaafatan. Guyyaa ittaanu ganama obboroodhaan ka’anii iddoo aarsaa Aaron isaaniif ijaaretti aarsaa dhiheessan. Warqeesaanii kana akkisaan itti fayyadaman Fayyisaasaanii biratti akka jaallataman kan isaan godhu turee? Matumaa! Yihowaan museedhaan: “Aariin koo isaan irratti boba’ee, akkan isaan fixutti na dhiisi!” jedhe. Geggeessitoonni Waaqayyorratti ka’an dha’ichasaatiin kan badan yommuu ta’u, kadhannaa Museen dhiheesseef qofa Yihowaan sabicha baraareera.—Ba’uu 32:1-6, 10-14, 30-35.
4 Yeroo booddee, Israa’eloonni qabeenyasaanii karaa Yihowaa garaa ciibsuun itti fayyadamuuf carraa argatanii turan. Isaanis ‘Yihowaadhaaf kennaa’ dhiheessan. Kennaawwan ijaarsa dunkaanichaafi meeshaawwan isaatiif dhihaatan keessaa warqee, meetii, sibiila boorrajjii, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, mi’a halluu gara garaa qabu, gogaa korbeessa hoolaa, raroo hoolaa bishaaniifi muka laaftoo turan. Seenaan kun ‘namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Yihowaadhaaf kennaa haa dhiheessu’ jechuudhaan ilaalcha namoota kennaa kana dhiheessanirratti akka xiyyeeffannu nu taasisa. (Ba’uu 35:5-9) Israa’eloonni gammachuudhaan kennaa gaafataman caalaa kennan. Kanaan kan ka’es, akkuma hayyuun tokko jedhetti, dunkaanni ijaarame kun “bareedaafi kan simboo qabu ture.”
Kennaa Ijaarsa Mana Qulqullummaatiif Dhihaate
5 Mana qulqullummaa Yihowaan itti waaqeffatamu kan ijaarsise Mootii Israa’el kan ture Solomoon ta’uyyuu, abbaansaa Daawit ijaarsa mana kanaatiif kennaa baay’ee kennee ture. Daawit, warqee, meetii, sibiila boorrajjii, sibiila, mukaafi dhagaa gati jabeessa hedduu walitti qabee ture. Daawit sabasaatiin akkas jedhe: “Hojii mana qulqullummaa kanaaf of kennuu koo irraa kan ka’e, waanan kanaan dura mana qulqullummaa kanaaf qopheesse irratti dabalee, qabeenya dhuunfaa kootii keessaa warqee fi meetii nan kenna. . . . Keenyan manichaa miidhagsuudhaaf warqee Ofiir akka kuntaala kuma tokkoo fi digdama, meetii akka kuntaala kuma lamaa fi dhibba sadii fi saddeettama nan kenna.” Daawit warri kaanis akkasuma akka arjooman jajjabeesseera. Sabni sunis hamma yaadamee ol warqee, meetii, sibiila boorrajjii, sibiilaafi dhagaa gati jabeessa kennan. Isaanis: “Fedha ofiisaaniitiin, garaa guutuudhaanis kennaa Waaqayyoof” ni dhiheessan.—1 Seenaa 22:5; 29:1-9.
6 Israa’eloonni kennaa fedharratti hundaa’e dhihessuudhaan, dinqisiifannaa waaqeffannaa Yihowaatiif qaban argisiisaniiru. Daawit gad of qabudhaan kadhannaa akkas jedhu dhiheesse: “Fedha keenyaan akka kanatti kennuu kan nu dandeessifte ani eenyu? Sabni koos eenyu?” Sababii gaaffii kana itti dhiheesses akkas jechuudhaan ibseera: “Wanti hundinuu si biraa nuuf dhufa, waanuma si harkaa fudhanne keessaa siif kennine. . . . Ani kana hundumaa fedha kootiin, yaada qajeelaadhaanis kenneera.”—1 Seenaa 29:14, 17.
7 Haata’u malee, Israa’eloonni waaqeffannaa Yihowaa yaadasaaniifi garaasaanii keessatti iddoo guddaa utuu hin kenniniif hafaniiru. Dh.K.D. jaarraa salgaffaatti, Israa’eloonni bakka lamatti hiraman dhimmawwan hafuuraatiif dantaa dhabuusaaniitti yakkamaniiru. Mootummaa Israa’el kaabaa isa gosa kurnanii ilaalchisee Yihowaan karaa Amos: “Isin Xiyoon keessa yaaddoo tokko malee, tulluu Samaariyaa gubbaas homtuu hin jiru jettanii amanattaniif wayyoo!” jedheera. Yihowaan namoota akkamii akka ta’an yommuu ibsu, “isin siree ilka arbaa irra ciiftanii, iddoo ciisicha keessanii irras in diriirfattu; hoolota keessaa warra xoxobbee, tuntunoo keessaa warra coccoomoo in nyaattu; . . . daadhii waynii soondoodhaan” dhugdu jedheera. Haata’u malee soorumnisaanii balaarraa isaan oolchuu hin danda’u. Waaqayyo akkas jechuudhaan isaan akeekkachiiseera: “Isin warra booji’aman dura buutanii gara booji’amuu in dhaqxu, inni isin nyaattanii dhugdanii, isinitti tolee iddoo ciisicha keessanii irra diriirfattanis in hafa.” Akka kanaan Dh.K.D bara 740tti warri Asor Israa’elootarra balaa geessisaniiru. (Amos 6:1, 4, 6, 7) Yeroo boodammoo mootummaan Yihudaa inni kibbaa jaalala qabeenya biyya lafaatiin qabameera.—Ermiyaas 5:26-29.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Qabeenyasaanii Sirriitti Itti Fayyadamaniiru
8 Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo jaarraa jalqabaatti tajaajiltoonni Waaqayyoo harka qalleeyyii turaniyyuu, haalliisaanii waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa akka dhaban isaan hin taasisne. Maariyaamiifi Yoseefiin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Labsii Awugusxos mootichi baase kabajuudhaan gara Betlihem jechuunis biyya dhalootasaanii dhaqanii turan. (Luqaas 2:4, 5) Yesus achitti dhalate. Guyyaa afurtama booddee Maariyaamiifi Yoseef akka seerri Musee abboomutti aarsaa yeroo qullaa’ummaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa Yerusaalem dhaqan. Maariyaam gugee sosookkee lama aarsaa dhiheessuunshee harka qalleeyyii ta’uusaanii argisiisa. Haata’u malee, isheenis taate Yoseef waan isaanirraa eegamurraa baqachuuf hiyyumasaanii sababa hin godhanne. Kanaa mannaa, waanuma qabaniin abboomamaniiru.—Lakkoobsa 12:8; Luqaas 2:22-24.
9 Yeroo booddee Fariisonniifi warri garee Herodis akkas jechuudhaan Yesusiin qoruuf yaalii godhan: “Ammas maal sitti fakkaata, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun seera moo, seera miti? Nutti himi!” Deebiin Yesus kenne hubannaasaa kan argisiisu ture. Horicha isa isaan itti kennan ilaalchisee Yesus: “Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?” jedhe. Isaanis deebisanii: “Kan mooticha warra Roomaa ti” jedhan. Innis: “Egaa mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” jedhe deebise. (Maatewos 22:17-21) Yesus, abbaan horii sana maxxanse gibira fudhachuuf mirga akka qabu beeka ture. Haata’u malee, Yesus asirratti diinonnisaas ta’an duuka buutonnisaa Kiristiyaanonni dhugaan ‘Waaqayyoof kan fudhachuun Isaaf ta’u kennuu’ akka qaban akka hubatan isaan gargaareera. Kana gochuun qabeenya ofii sirriitti itti fayyadamuu kan dabalatudha.
10 Wanti Yesus yeroo tokko mana qulqullummaa keessatti ilaale dhimma kana sirriitti hubachuuf kan nama gargaarudha. Yeroo kanatti Yesus barsiisota seeraa warra sassatoo ‘bultoo haadha hiyyeessaa fixan’ erga ifatee baay’ee hin turre. Luqaas: “Yesus achi ilaalee, badhaadhonni kennaa isaanii qodaa buusii keessa utuu buusanii arge” jechuudhaan gabaaseera. Ittaansuudhaanis akkas jedheera: “Haati hiyyeessaa tokkos sibiila diddiimtuu, kan akka saantiima lamaa, qodaa buusii kana keessa buusuu ishee arge. Kana irratti inni, ‘Dhuguman isinitti hima, haati hiyyeessaa kun hunduma isaanii caalaa buufteetti. Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa’atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, har’a ittiin buluudhaaf kan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte.’” (Luqaas 20:46, 47; 21:1-4) Namoonni tokko tokko manni qulqullummaa dhagaa gati jabeessaan miidhagfamuusaa dubbatan. Yesusis: “Kan isin ilaaltan kun hundinuu dhagaan tokko illee wal irratti utuu hin hafin, yeroon inni itti diigamu in dhufa” isaaniin jedhe. (Luqaas 21:5, 6) Buusiin xinnoon haati hiyyeessaa kennite kun kan gatii hin qabne ture jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Dubartiin kun kana gochuunshee qophii Yihowaan yeroo sanatti qopheesse akka deggertu kan argisiisu ture.
11 Yesus duuka buutotasaatiin akkas jedhee ture: “Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda’u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.” (Luqaas 16:13) Kanaaf akkaataa qabeenya keenya itti fayyadamnurratti ilaalcha sirrii qabaachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Hojii Adeemsiftoota Amanamoo
12 Yommuu Yihowaadhaaf of murteessine, waan qabnu hundumaa dabalatee qabeenyi keenya hundinuu kan keeti jechuu keenyadha. Kanaafuu qabeenya keenya akkamitti itti fayyadamuu qabnaree? Pirezidaantiin Waldaa Masaraa Eegumsaa jalqabaa Sii.Tii. Raasil, ga’ee Kiristiyaanni tokko gumii keessatti qabu yommuu ibsu akkas jedhee ture: “Kiristiyaanni tokko yeroosaa, dandeettisaa, qabeenyasaafi k.k.f irratti Gooftaan hojii adeemsisaa godhee akka isa muude beekuu qaba. Kana malees dandeettisaa hundumaa ulfina Gooftaasaatiif itti fayyadamuuf yaalii gochuu qaba.”—Za Niiwu Kiriyeeshin, ful. 345.
13 Qorontos isa duraa 4:2: “Warra hojii adeemsisan irraa immoo amanamummaatu barbaadama” jedha. Dhugaa Baatonni Yihowaa adunyaa maratti, hamma isaanii danda’ametti tajaajilarratti bal’inaan hirmaachuufi dandeettii barsiisasaanii yeroodhaa gara yerootti guddifachuudhaan amanamummaasaanii eeganii jiraachuuf carraaqqii godhu. Kana malees obboloonni hedduun yeroosaanii, humnasaaniifi beekumsasaanii fedhiisaaniitiin galmawwan walga’ii waaqeffannaa Yihowwaatiif oolan ijaaruurratti hirmaatu. Yihowaan kana hundumaatti baay’isee ni gammada.
14 Duula barsiisaafi hojii ijaarsaa biyyoota hedduutti hojjetamaa jiru kana adeemsisuuf qarshiin eessaa argama? Ijaarsa godoo qulqullummaa wajjin haala wal fakkaatuun namoota fedhiidhaan kennanirraa kan argamudha. Nutoo dhuunfaatti kana ni goonaa? Akkaataan qabeenya keenya itti fayyadamnu tajaajila Yihowaatiif iddoo guddaa akka kenninu kan argisiisudhaa? Akkaataa qabeenya keenya itti fayyadamnuun hojii adeemsiftoota amanamoo haa taanu.
Fakkeenya Arjummaa
15 Phaawulos ergamaan waa’ee arjummaa Kiristiyaanota Maqedooniyaafi Akaayyaa barreesseera. (Roomaa 15:26) Ofiisaanii rakkina keessa kan jiran yoo ta’aniyyuu, obbolootasaanii gargaaruuf gammachuudhaan buusii godhaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Phaawulos, Kiristiyaanonni Qorontosis irraa hafaasaanii arjummaadhaan kennuudhaan hir’ina warra kaanii akka guutan jajjabeesseera. Phaawulos dhiibbaa narratti godheera jedhee isa himachuu kan danda’u hin jiru. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu, harka utuu hin guutin in galfata; namni harka guutee facaasu immoo harka guutee in galfata. Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 Qorontos 8:1-3, 14; 9:5-7, 13.
16 Yeroo ammaatti buusiin obboloonni keenyaas ta’e namoonni fedhii qaban hojii Mootummihcaa addunyaa maraatti hojjetamuuf godhan, mirga argatan kanaaf iddoo guddaa kan kennan ta’uusaa argisiisa. Haata’u malee, akkuma Phaawulos warra Qorontos yaadachiise, yaadachiisa kana irra deebinee mari’achuun keenya barbaachisaadha.
17 Phaawulos kennaansaanii kan walirraa hin cinne ta’uu akka qabu akkas jechuudhaan obboloota jajjabeesseera: “Sanbata guddaa, torbeedhuma tokkon tokkon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu.” (1 Qorontos 16:1, 2) Kennaa keenya karaa gumiis ta’e kallattiidhaan gara waajjira damee Waldaa Masaraa Eegumsaa nutti dhihootti kan erginu yoo ta’e, nutis taane ijoolleen keenya fakkeenya kana hordofuu dandeenya. Magaalaa Baha Afriikaatti argamtu tokkotti misiyoonota ta’anii kan tajaajilan abbaan manaafi haati manaa tokko, namoonni fedhii argisiisan walga’iisaaniirratti akka argaman isaan afeeran. Dhuma walga’ichaarratti misiyoononni kun saantiima malaan saanduqa “Buusii Hojii Mootummaatiif” jedhu keessa kaa’an. Namoonni walga’iicharratti argaman kaanis akkasuma godhan. Yeroo booddee tuutnisaanii kun gara gumiitti yommuu guddate ilaaltuun olaanaa aanaa daawwannaa kan isaanii godhe yommuu ta’u, innis walitti aansanii buusii gochuusaanii dinqisiifateera.—Faarfannaa 50:10, 14, 23.
18 Nutis qabeenya keenya warra balaa uumamaatiin miidhamaniifi naannoo waraanni hube jiraatan ittiin gargaaruuf mirga arganneerra. Yeroo rakkinni dinagdeefi siyaasaa biyyoota Baha Awurooppaarra ga’e, waa’ee mi’a gargaarsaa iddoo kanatti ergaman dubbisuu keenyatti baay’ee gammannee turre! Buusiin qarshiidhaanis ta’e mi’aan godhame, arjummaasaanii qofa utuu hin ta’iin tokkummaa obboloonni keenya Kiristiyaanota rakkinaaf saaxilamanii wajjin qaban kan argisiisu ture.—2 Qorontos 8:13, 14.
19 Hojii obboloonni keenya warri qajeelchitoonni, daawwattoonni olaanaa aanaa, misiyoononniifi Bet’el keessa tajaajilan baay’ee dinqisiifanna. Hin dinqisiifannuu? Hamma humni keenya nuu heyyametti kallattiidhaan deggersa tokko tokko isaanii gochuu dandeenya ta’a. Fakkeenyaaf yommuu daawwataan olaanaa aanaa gumiikee daawwatu bakka bultii qopheessuu, laaqana afeeruu ykn gatii geejjibaa kennuufi dandeessa ta’a. Arjummaan akkasii Abbaa keenya isa samiifi isa tajaajiltoonnisaa waan isaan barbaachisu akka argatan barbaadu biratti utuu hin hubatamiin kan hafu miti. (Faarfannaa 37:25) Waggoota muraasa dura obboleessi tokko ilaaltuu olaanaa aanaafi haadha manasaa nyaata xinnoo afeeruuf manasaatti waame. Haata’u malee obboleessi kun, yommuu abbaan manaafi haati manaa kun gara galgalaa tajaajila ba’an poostaa tokko isaanii kenne. Poostaa kana keessa doolaara Ameerikaa tokko jechuunis akka qarshii sagal ta’u kan isaanii kenne yommuu ta’u, achi keessas yaadannoo: “Shaahii itti dhugaa ykn boba’aa liitira tokko ittiin bitadhaa” jedhutu jira ture. Obboleessi kun waanuma qabu xinnoo kennuudhaan dinqisiifannaasaa ibseera!
20 Sabni Yihowaa karaa hafuuraa eebbifameera! Walga’iiwwan addaa, anaafi koonyaarratti nyaanni hafuuraa baay’een kan nuu dhihaatu yommuu ta’u, iddoo kanattis barreeffamoota haaraan, barumsa gaariifi gorsa hojiirra ooluu danda’u arganna. Eebbawwan karaa hafuuraa arganne kana waan dinqisiifannuuf, buusii qarshii gochuudhaan fedhii Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti babal’isuuf, mirgaafi itti gaafatamummaa arganne hin irraanfannu.
‘Qabeenya Biyya Lafaa Isa Hin Amansiifne Kanaan Firoota Baafadhaa’
21 Dhugumayyuu, jireenya keenya keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo guddaa karaan itti kenninu baay’een kan jiru yommuu ta’u, gorsa Yesus akkas jechuudhaan kenne hojiirra oolchuunis akka salphaatti kan ilaalamu miti: “Qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!”—Luqaas 16:9.
22 Yesus qabeenyi biyya lafaa kun gatii akka dhabu dubbachuusaa yaadadhaa. Eeyyee, yeroo qabeenyi biyya lafaa kun gatii itti dhabu ni dhufa. Hisqi’el akkas jechuudhaan raajii dubbatera: “Meetii isaanii karaa irratti in gatu; warqeen isaaniis akka wanta xuraa’aatti in ilaalama; meetiin isaanii fi warqeen isaanii guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti isaan oolchuu hin danda’an.” (Hisqi’el 7:19) Hamma kun ta’utti, qabeenya keenya hubannaafi ogummaadhaan itti fayyadamuu qabna. Yoo akkas goone gorsa Yesus akkas jechuudhaan kenne utuu hin hordofiin hafneerra jennee hin gaabbinu: “Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree? . . . Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.”—Luqaas 16:11-13.
23 Kanaafuu, hundi keenya waaqeffannaa Yihowaatiif dursa akka kenninu yaadachiisa nuu kenname kana amanamummaadhaan hordofuudhaan qabeenya keenya hunda ogummaadhaan itti haa fayyadamnu. Akkas kan goonu yoo ta’e, Yihowaafi Yesusii wajjin michoota ta’uu kan dandeenyu yommuu ta’u, isaanis yeroo qabeenyi biyya lafaa kun gatii dhabu “mana bara baraatti” nu simatu. Kunis samiirratti ykn lafa jannata taaturratti jireenya bara baraa nuuf argamsiisa.—Luqaas 16:9.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Museefi Israa’eloonni yommu Gibxii ba’an maal jechuudhaan Yihowaa faarfatan?
2. Sabni Yihowaa biyya Gibxiitii maal fudhatanii ba’an?
3. Israa’eloonni warqeesaanii waaqeffannaa sobaatiif itti fayyadamuunsaanii Yihowaan maal akka godhu isa kakaase?
4. ‘Kennaan Yihowaadhaaf kennamu’ maal ture? Kennaa kanahoo eenyutu kenne?
5, 6. Mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen Daawit qabeenyasaa akkamitti itti fayyadame? Warri kaanoo maal godhan?
7. Akeekkachiisa bara Amositti kennamerraa barumsa maalii arganna?
8. Yoseefiifi Maariyaam akkaataa qabeenya keenya itti fayyadamuu qabnurratti fakkeenya gaarii kan nuu ta’an akkamitti?
9-11. (a) Jechi Yesus Maatewos 22:21rratti dubbate akkaataa qarshii keenya itti fayyadamnurratti qajeelfama akkamii nuu ta’a? (b) Buusiin xiqqoon haati hiyyeessaa goote waan gatii hin qabne kan hin taane maaliifi?
12-14. (a) Kiristiyaanonni hojii adeemsiftoota kan ta’an qabeenyasaanii isa kamirrattidha? (b) Yeroo har’aatti sabni Yihowaa hojii adeemsiftuu ta’uudhaan isaanii kenname amanamummaadhaan raawwachuu kan danda’an karaawwan kamiinidha? (c) Yeroo har’aatti qarshiin hojiin Waaqayyoo ittiin geggeeffamu eessaa argama?
15, 16. (a) Kiristiyaanonni yeroo Phaawulos turan arjummaa kan argisiisan akkamitti? (b) Yaadachiisa kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
17. Phaawulos kennaa akkamii jajjabeesse? Gorsi kun yeroo har’aatti hojiirra ooluu danda’aa?
18. Obboloota keenya warra rakkina keessa jiran akkamitti gargaaruu dandeenya?
19. Warra tajaajila yeroo guutuu keessa jiran maaliin gargaaruu dandeenya?
20. Mirgaafi itti gaafatamummaan nuti dagachuu hin barbaanne isa kami?
21, 22. Yeroo dhihootti ‘qabeenyi biyya lafaa’ maal ta’a? Kana beekuun keenya yeroo ammaatti maal akka goonu nu kakaasa?
23. Ogummaadhaan kan itti fayyadamuu qabnu maalidha? Kana gochuun keenya bu’aa maalii nuu argamsiisa?