Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Caamsaa 14 Jalqabu
Faarfannaa 67 (156)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Ebla 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Hojii Mootummichaa Gumiittis Ta’e Addunyaa Maratti Geggeeffamaa Jiru Deggeruu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 12rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: “Inni Warra Dadhabaniif Humna In Kenna.” Yeroo qabaannaan dhaggeeffattoonni caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan afeeri.
Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 21 Jalqabu
Faarfannaa 57 (136)
Daq.10: Beeksisa gumii. Saanduqa Gaaffii irra deebi’i.
Daq. 15: Afaan Biraa Barachuu Ni Dandeessa! Haasawaa Dammaqaa! Bitootessa 2007, ful. 10-12rratti hundaa’uudhaan dhihaatu. Faayidaa misiraachicha babal’isuuf afaan biraa barachuun qabu ibsi.
Daq. 20: “Dubbii Waaqayyoo Ni Deggertuu?” Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarraa, yaadawwan saanduqa ful. 143-144rra jiran itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 90 (204) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 28 Jalqabu
Faarfannaa 21 (46)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 15fi Dammaqaan! Caamsaa 2007 si’a raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Barreeffamoota ji’a Waxabajjiitti raabsamanirratti mari’adhaa. Barumsawwan birooshuroota kanarra jiraniifi yeroo ammaatiif barbaachisaa ta’an tokko tokko ibsi. Akkaataa dhiheenyaa naannoo keessaniif bu’a qabeessa ta’etti fayyadamuudhaan, Birooshuroota qabnu akkamitti raabsuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Yeroo qabaannaan, dhaggeeffattoonni birooshuroota kanatti fayyadamuudhaan namoota beekan ykn miseensa maatiisaanii wajjin maree godhaniin bu’aa gaarii argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 15: Muuxannoowwan Tajaajila Dirreerraa Argaman. Qajeelchaa gargaaraafi babal’istoonni ji’a Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti sochii cimaa tajaajilarratti taasisaniin muuxannoo argatan itti dabalii dhiheessi. Yeroo barruulee raabsan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf galma baafataniin muuxannoo argatan dubbadhu. Muuxannoo ba’eessa argame tokko ykn lama hojiin argisiisaan haa dhihaatu.
Faarfannaa 8 (21) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 4 Jalqabu
Faarfannaa 59 (139)
Daq.10:Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jajatan Barsiisaa.” Keeyyata 4rratti si’a mari’attan, yaada Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2005, ful. 3rra jiru itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 75 (169) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.