Oduuwwan Ti’ookraasii
◼ Galmawwan Mootummaa armaan gaditti caqasaman ijaaramanii xumuramaniiru: Coomman (naannoo Fincaa’aa), Daannisaa (naannoo Giinci), Edoo Kinduu (naannoo Boodittii), Enmaayikuwee (naannoo Gimbii), Kooraa (naannoo Giinci), Shaambuu, Waliisoofi Addis Ababaa keessattimmoo Geejjaa ykn Lidataa. Kanneen dabalatee lakkoofsi baay’ina Galmawwan Mootummaa biyyattii keessatti argaman 109 ga’aniiru.
◼ Walga’ii koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhamuufi al kudha saddeet godhamerratti, namoonni argaman 14,736 si’a ta’an, kunis isa kanaan duraarra parsantii 9n dabaleera. Walga’iiwwan kanarratti namoonni dhibba sadiifi soddomii tokko of murteessuudhaan cuuphamaniiru.
◼ Ji’a Muddeetti qajeelchitoonni 277 ta’an kitaabaa barumsaa irra deebi’ee fooyya’ee ba’etti fayyadamuudhaan, Mana Barumsaa Tajaajilaa Qajeelchitootaarratti hirmaataniiru. Qajeelchitoonni 159 ta’aniifi muuxannoo dheeraa qaban, yeroo lammaffaadhaaf leenjii gaarii kanarratti hirmaataniiru.
◼ Yeroo ammaa qajeelchitoota addaa Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaatii xumuranii ba’an 45 ta’an tajaajila dirreerratti bobba’anii jiru. Isaan kana keessaas tokko tokko ilaaltota olaanaa ta’uudhaan, akkasumas Bet’el galanii tajaajiluudhaan leenjii argatan akka gaariitti itti fayyadamaa jiru. Yeroo ammaattis obboloonni dabalataan Mana Barumsaa kanatti, ji’a Caamsaatti magaalaa guddittii Keeniyaa Naayiroobiitti Kutaa al 20ffaaf geggeeffamurratti akka hirmaataniif qophiin godhamaa jira.
◼ Bet’el keessatti garee kutaa hiika afaanii shanaffaa dhaabuudhaaf qophiirra jirra. Gareen kun afaan Sidaamaatiin kan hojjetu yommuu ta’u, afaan Amaariffa, afaan Oromoo, Tigiriffaafi afaan Walaayitaa dabalatee, garee namoota afaanicha dubbatan hedduu qabaniif nyaata hafuuraa dhiheessuuf carraaqqii godhamu kan deggerudha.