Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 9 Jalqabu
Faarfannaa 2 (4)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1fi Dammaqaan! Waxabajjii 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Wanti Gammachuu Dhugaa Argamsiisu Maalidha? Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2006, ful. 14, key. 11-12rratti hundaa’uudhaan, haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Obboleessa ykn obboleettii wantoota gammachuu namaaf argamsiisu jedhaman, akkasumas hojii dhuunfaa barbaaduu dhiisuudhaan guutummaa jireenyasaanii tajaajilarratti xiyyeeffataniif gaafannoo godhi. Galma hafuuraa akka baafatu/ttu kan kakaase maalidha? Kana gochuun gammachuu kan argamsiiseef akkamitti?
Daq. 20: Saanduqa Gaaffii. Jaarsaan kan dhihaatu. Guutummaa barumsichaa dubbisuudhaan irratti mari’adhaa. Yaada barruu Dammaqaa! Caamsaa 2005, ful. 19-20, matadureewwan xixiqqaa “Nama Gowwoomsuufi Eenyummaa Ofii Dhoksuu,” akkasumas “Intarneetiidhaan Mannaa Fuulaa Fuulatti Wal Arguu Wayya” jedhan jala jiran itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 16 Jalqabu
Faarfannaa 7 (19)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 20: Nageenyaafi Qulqullina Gumichaa Eeguu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 144rraa jalqabee hamma mataduree xiqqaa ful. 150rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: “Jijjiirama Gammachiisaa Barruu Masaraa Eegumsaarratti Godhame.”
Faarfannaa 26 (56) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 23 Jalqabu
Faarfannaa 55 (133)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15fi Dammaqaan! Adoolessa 2007 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Walii Keessan Wal Simadhaa. Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2005, ful. 21-23rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu. Babal’istoota yeroo mara nama simachuudhaan beekaman lama ykn tokkoof gaafannoo gabaabaa godhi. Nama simachuudhaaf carraaqqii akkamii gochuu isaan gaafateera? Kana gochuusaaniitiin isaanis ta’e maatiinsaanii eebba akkamii argachuu danda’aniiru?
Daq. 15: Akkaataa Dhiheenyaa Bu’a Qabeessa Ta’e Qophaa’uu. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 9, key. 1-2rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hojiin argisiisni barreeffama ji’a Hagayyaatti raabsamu argisiisu lama haa dhihaatu.
Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 30 Jalqabu
Faarfannaa 88 (200)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 15: Faayidaa Ofii Aarsaa Gochuun Eebba Yihowaa Argamsiisa. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2005, ful. 8-9rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu.
Daq. 20: “Namni Qoramsa Isatti Dhufu Obsaan Danda’e, Haa Gammadu!” Keeyyata 3rratti yeroo mari’attan, qorumsi akka tasaa ennaa isaanirra ga’u, amantii cimaa qabaachuun akkamitti akka isaan gargaare akka dubbatan afeeri. Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennan dursanii qopheessuu ni danda’ama.
Faarfannaa 6 (13) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 6 Jalqabu
Faarfannaa 45 (106)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Deddeebinee Kan Dhaqnu Maaliifi?” Keeyyata 5rratti yeroo mari’attan, kanaan dura mormaa kan turan ta’anillee, amma dhugaa dhaga’uudhaaf fedhii akka godhatan kan isaan kakaase maal akka ta’e akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.
Faarfannaa 93 (211) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.