LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/07 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Hagayya 13 Jalqabu
  • Torban Hagayya 20 Jalqabu
  • Torban Hagayya 27 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2007
km 8/07 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Hagayya 13 Jalqabu

Faarfannaa 81 (181)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1fi Dammaqaan! Adoolessa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisa isa tokkorratti babal’isaan tokko yaada Tajaajila Mootummaa fuula 6 keeyyata 3⁠rra jirutti fayyadamuudhaan, gaaffii yeroo deebi’ee dhaqu deddeebisu kaasuudhaan kan xumuru haata’u.

Daq. 20: Faayidaa Seerawwan Ti’ookraasiitiif Abboomamuun Qabu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 15⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Daq. 15: “Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa.” Dhaggeeffattoonni maatiidhaan tajaajilarratti hirmaachuunsaanii fayyadaa akkamii akka isaanii argamsiise akka dubbatan afeeri. Babal’istoota yaada kennuu danda’an lama ykn tokko dursii qopheessi.

Faarfannaa 23 (48) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 20 Jalqabu

Faarfannaa 35 (79)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15fi Dammaqaan! Hagayya 2007 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 15: Ji’a Fulbaanaatti, Akkuma Haasofsiifneen Qayyabannaa Jalqabsiisuu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Ji’a Fulbaanaatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kan raabsinu si’a ta’u, guyyaa jalqabaatii kaasnee nama haasofsiifne sanaa wajjin keeyyatoota muraasarratti mari’achiisuuf carraaqqii goona. Yaada miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006⁠rra jiru irra deebi’i. Guyyaadhuma jalqaba haasofsiisaniin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo godhamu kan argisiisu hojiin argisiisne tokko ykn lama haa dhihaatu.

Daq. 20: “Qophiin Qayyabannaa Kitaabaa Gumii Kan Nu Gargaaru Akkamitti?” Keeyyata 5⁠ffaarratti yeroo mari’attan, kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful 41, key. 2⁠rra yaada jiru itti dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 3 (6) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 27 Jalqabu

Faarfannaa 43 (98)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 20: “Galma Gaarii Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraadhaaf Baafachuu Dandeessu.” Babal’istoota dhihootti qajeelchaa gargaaraa ta’an lama ykn tokkoof gaafannoo godhi. Sagantaasaaniirratti sirreeffama akkamii gochuun isaan barbaachisee ture? Kana gochuusaaniitiin faayidaa akkamii argataniiru? Argamnaan, babal’istoota gaafannoon godhamuuf keessaa tokko gargaarsaafi deggersa miseensa maatiitiin qajeelchaa gargaaraa kan ta’e utuu ta’ee gaariidha. Keeyyata 9⁠rratti si’a mari’attan, yeroo ittaanutti ilaaltuun olaanaa aanaa yoom daawwannaa akka godhu dubbadhu.

Daq. 20: “Walga’ii Koonyaa ‘Kiristos Dukaa Bu’aa!’ Jedhu Beeksisuudhaaf Carraaqqii Cimaa Addunyaa Maratti Godhamu!” Keeyyata 3⁠rratti yeroo mari’attan, yaadawwan Kitaaba Waggaa 2007, ful. 7 hanga 10⁠rra jiran haala waraqaa afeerrii walga’ii koonyaa wajjin wal qabateen, muuxannoowwan gaarii naannoo keessanii argaman itti dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 6 (13) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 3 Jalqabu

Faarfannaa 24 (50)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Hagayya akka deebisan yaadachiisi.

Daq. 15: “Mirga Tajaajilaa Keenya Ni Dinqisiifanna!” Yeroo qabaannaan, caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: “Namoota Barruulee Kenninuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?” Yaadawwan keeyyata 2⁠rra jiran keessaa tokkotti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni gabaabaan tokko akka dhihaatu godhi. Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu tokko, qayyabannaan al lama kan geggeeffameefi akka itti fufu kan abdatamu yoo ta’e, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jedhanii gabaasuun akka danda’an yaadachiisi.

Faarfannaa 4 (8) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi